Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Itiyoophiyaa Deemsa Ceehumsa Haqaa Dhugaa Tahe Akka Hojiirra Oolchu Dhaabonni Mirga Namoomaa Lama Gaafatan


Asxaa Koomishinii Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa
Asxaa Koomishinii Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa

Komishiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa , Waajjira Komishinii mirga namoomaa kan dhaabbata mootummoota gamtoomanii waliin ta’uun ibsa guyyaa har’aa baasaniin wal dhabdeewwan deemaa jirani karaa nagaa furuuf caaseffamnii fi hojiirra oolmaan adeemsa ceehumsa haqaa uumuuf tarkaanfiiwwaan murteessoo ta’an akka barbaachisaan eereera. Itti dabalaanis guutummaa biyyattii keessatti nageenya buusuuf, olaantummaa seeraa kabachiisuu, Ulaagaaleen labsii yeroo muddamaa akka Idil Addunyaatti kaa’aman akka kabajaman, Sarbama mirgaa hamaa fi dhiittaa mirga namoomaa idil addunyaa ittisuun akka jiraachuu qabu, akkasumas aadaan seera malee nama adabuu akka dhaabbatuufis waamicha taasiseera. Ceehumsi haqaa Itiyoophiyaa keessatti taasifamuuf jiru qaama hunda , kanneen walitti bu’insa keessa jiran dabalatee qooda fudhattoota biyyaaleessaa , kutaalee hawwaasaa hundaa kan of keessatti hamate hirmaachisa dhugaa, korniyaa iratti kan xiyyeeffatee fi miidhamtoota gidduu galeessa kan godhate ta’uu qabas jedheera Ibsi har’a Komishiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa fi kan mirga namoomaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii. Gbaasni Finfinneerraa Kan Keneedii Abaateeti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:52 0:00
More
XS
SM
MD
LG