Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganaan Humna Addaa Sudaam 'RSF' Jedhamuu Har'aa Finfinneetti Simatamanii Muummicha Ministaraa Abiy Ahimed Wajjin Walga'an 


FAAYILII: Hoogganaan humna waraanaa humna addaa Sudaan Hamdaan Dagaloo
FAAYILII: Hoogganaan humna waraanaa humna addaa Sudaan Hamdaan Dagaloo

Wal waraansi Sudaan keessatti erga jalqabee kasee hoogganaan humna waraanaa humna addaa Sudaan Hamdaan Dagaloo daawwannaa fi Imala biyya biraa isa jalqabaasaati jedhamu har’a Finfinneetti taasiseera.

Erga Ji’a Eebilaa kaasee wal waraansi Sudaan keessatti humna waraanaa Jeneraal Al Burhaanii fi Hamdaan Dagaloo ajajaa humna Addaa isa “RSF” jedhamuun waamamu gidduutti ka’ee as , Hamdaan Dagaloo ifatti mul’achuun mootummoota biyyoota alaa waliin kan argan inni har’a Finfinneetti taasisan isa jalqabaati kan jedhamuuf Roobii kaleessaa garuu ifatti kan hin beekamiin gara Yuugaandaatti imalanii pireezidaantii biyyatti Yooweerii Museevinii waliin wal arganiiru jedhamaa jira. Har’a wayita buufata Xiyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’aniittis Itti aanaan Ministira muummee fi Ministirri haaja alaa Demmeqee Mokonniin simannaa taasisaniiruuf.

Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Abiyyi Ahimad fuula Miidiyaa hawwaasaa “X” Isa duraan Tiwuuteer jedhamuun waamau irratti akka maxxansanitti waajjira Isaaniitti Hamdaan Dagalooniin simachuun Sudaan keessatti haala nageenya buusuu irratti marii’achuu isaanii ibsaniiru.

Akka Gabaasa Reyooteersitti Hamdaan Dagaloon daandii xiyaara Yuunaatid Arab Emmireetisii isa Rooyaal Jeet jedhamu irraa bu’uu isaanii fi ragaan balallii xiyaara kanaa akka agarsiisuttimmoo Roobii kaleessa Ganama Abudaabiirraa gara Yuugaandaatti balallii akka taasisedha xiyaarichi.

Dantaa Tarsiimoo gaanfa Afirikaa keessatti qabdi kan jedhamtu Yuunaayitid Arab Emmireetis, akkasumas buufata galaana diimaa dabalatee Sudaan keessatti Invastamantii Sudaan keessaaf ilaallati kan jedhamtu erga waraanni Sudaan keessaa jalqabees sana duras biyya alaa Hamdaan Dagaloo waliin hariiroo qabdudha.

Ji’a darbe hoogganaan olaanaan humna waraanaa Sudaan Yuunaayitid Arab Emmireetis garee humna addaa Sudaan RSF karaa Yuugaandaa goruun deeggaraa jirti jechuun himatee ture. Himannaa kana hordofee gama Yuunaayitid Arab Emmireetisiin deebiin kenname karaa dippiloomaasiin lolli Sudaan keessaa karaa nagaa akka hiikamuuf gargaarsa taasiseera yommuu jettu, Yuugaandaan gama isheen himannaa sobaati jettee ture.

Wal waraansi Sudaan keessaa magaalaa gudditti biyyaattii Kaahartuum dabalatee badii hedduu kan qaqqabsiise fi namoonni Miiliyoona torbaa ol qe’ee isaaniirraa akka buqqa’aniif sababa ta’eera. Dhiyeenya kana humni addaa Sudaan inni RSF jedhamuun waamamu ol aantummaa waraanaa fudhachaa jiruun magaalaa akka biyyattiitti ishee guddoo lammaffaa jedhamtu Waad Madanii to’annaa isaa jala oolcheera.

Wal waraansichi gama dippiloomaasiin karaa nagaan akka furamuuf yaaliin hedduun biyyoota akka Saa’udii fi Ameerikaan taasifamus hanga ammaatti milkaa’uu hin dandeenye.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG