Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnoonni Isiraa'el Har'a Gaazaa Giddu-Galeessaa fi Kibbaa Keessatti Xayyaaraan Haleellaa Raaw'atan 


ISRAEL HAMAS WAR
ISRAEL HAMAS WAR

Humni waraanaa Israa’eel Kamisa har’aa Weest Baank keesssatti namoota garee hidhattoota Hamaasiin maallaqaan deeggaru jedhe irratti Sakatta’insa raawwachuu isaa beeksiise. Gama biraatiniimmoo waraanni Gaazaa keessaa

Hamaasiin balleessuuf taasifamu haleellaa lafoo fi qilleensarraan Gaazaa gama Kaabaa, gidduu galeessaa fi kibaatti akkuma itti fufetti jira.

Humni waraanaa Israa’eel ibsa baaseen Westi baanki keessatti sakatta’insa taasiseen namoota 21 to’annaa jala oolchuu fi maallaqa Israa’eliin kuma Kurnbootaan lakkaa’aman to’achuu isaas eereera.

Jenin keessattimmoo humnoonni waraanaa Israa’eel haleellaa qilleensarraa fi lafoo fudhataniiru. Kunis wayita humni waraanaa Israa’eel bakkasitti socho’aa jirutti uummatarraa nutti dhukasaameeti jedha.

Israa’el weerara Westi Baanki keessatti yeroo dheeraa walitti aansuun taasiftekeessaa inni kun isa dhumaa yommuu ta’u humnoonni ishee sochii farra shororkeessummaa gaggeessaa akka jiranitti himti.

Waajjirri mirga namoomaa kana dhaabbata mootummoota gamtoomanii ibsa Kamisa har’aa baaseen halleellaa gareen Hamaas gaafa onkolooleessa 7 Israa’eel irratti raawwate hordofee haalli mirga namoomaa Weesti Baanki keessaa hammaataadha jedheera. Komishinarri Komishinii mirga namoomaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii Weesti Baanki keessatti lammiileen Paaliistiin 300 ajjefamuu mirkaneeffadheera jedhee , kanneen 291 ta’an humnoota waraanaa Israa’eeliin akka ajjeefamanii fi kanneen Saddeet ta’animmoo qubattoota Israa’eeliin ajjaffamaniiru jedheera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG