Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoota Dhiittaa Mirga Namoomaa Keessatti Hirmaannaa Ol’aanaa Qaban Irratti Akka Himannaan Yakkaa Dhihaatu Yaadi Dhiyaate


Gurmuun Ogeessota Hojii Deemsa Haqaa Cehumsaa
Gurmuun Ogeessota Hojii Deemsa Haqaa Cehumsaa

Dhiittaa mirga namoomaa keessatti kanneen hirmaannaa olaanaa qaban irratti himannaan yakkaaa akka irratti dhiyaachuu qabu gareen ogeessoota ce’uumsa haqaa yaada dhiyeessanii jiru.

Himannaan kunis, mana murtii addaa haaraa hundeeffamuun kan gaggeeffamu ta’u akka qabu, kanas imaammata ce’uumsa haqaa ilaalchisee uummata waliin marii gaggeeffame irraa yaada gurguddaa argatee ittiin ka’uumsa godhachuu isaa gareen kun tuuta oduuf ibsa kenneen beeksisee.

Deemsa himannaa kana kan hogganuu dhaabbatti abbaa alangaa haaraa hundeeffamuu akka qabu, ogeessooni sadarkaa addunyaa keessa galuu akka qaban yaadii dhiyaateera.

Dhaabatoota biyya keessa jiran irratti, hawaasnii walba ta’u fi amanamoo ta’u irratti gaaffii akka qabu, kanaafis kan haaraa hundeeffamanii fi ogeessonni addunyaa kan keessa jiraniin hogganamuu akka qabu dhiyeessee jira.

Itiyoophiyaa keessatti hojii irra oluuf kan ture, ce’umsii haqaa hanga imaammata qopheessuutti itti gaaftamnii itti kennamee sadaasa bara 2015 kan hundeeffame fi gareen ogeessoota 13 gareen of keessaa qabu kun, deemsa marii uummata waliin gaggeefamee fi rakkoo mudatee ilaalchisee gabaasa isaa har’a dhiyeessee jira jechuun keeneedii Abaata Finfinnee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG