Barreessaa dureen Tokkummaa mootummootaa Antoniyoo Gutarreesn Ergaa bara haaraa dabarsan keessatti, “barrri 2023 bara gidiraa guddaa, hokkaraa fi jijjirama qilleensaa ta’eera,” jechuun ibsanii, “bara haaraa 2024 waan dandeenyu hunda waliin gochuuf carraaqqii taasiifnu keessatti, wal amantaa fi abdii ijaaruu irratti akka ta’u dhaaman.
Vidiyoo dursee waraabamee kana irratti Guterres, bara 2023tti, “Dhalli namaa dhukkubbii itti dhageesisuu keessa jira.Laftii irra jirruus balaa keessa jirti jedhan.
Barri 2023 bara ho'ii qilleensaa guddaan itti galmaa'ee fi Hiyyummaa fi beela hammaachaa dhufeen namoonni rakkachaa jiru. Wal Waraansii baay’inaa fi gara jabinaan dabalaa jira. Wal Amantaan immoo hanqiina agarsisaa jira jedhu.”
“Garuu qubaa fi qawwee walitti qabuun eessaan iyyuu hin geessu” jechuun kan ibsan Gutarrees, ibsanii, “yeroo waliin dhaabbannu hunda caalaa dhalli namaa cimaa ta’a” jedhaniiru.
Irra deebi’aniis, “Barri 2024 bara wal amantaa deebi’anii ijaaruu fi abdii itti deebisanf ta’uu qaba. Furmaata waliinii argachuuf qoqqoodinsa keessaa baanee walitti dhufuu qabna jedhan.
Kunis Tarkaanfii haala qilleensaatif,Carraa dinagdee fi sirna maallaqa addunyaa haqa qabeessa hundaaf geessuuf ta’a jedhan.
Dhuma irrattis, waggaa haaraan kan nagaa fi gammachuu siniif haa ta’u jechuun hawwii isaanii ibsanii jiru.
Forum