Itoophiyaan kallattiin galaana akka dhaqqabuu walii galteen dandeesisuu mummichi ministeera Itiyoophiyaa Abiyyi Ahmad fi prezidaantiin somaaliilaand Pireezidaantiin Somaalilaand Muse Bihi Abdi har’a Finfinnee keessatti mallatteessanii jiru.
Walii galtee kana eega mallatteessanii boodas, Dr Abiyyi yaada kennaniin, walii galteen kun caba guddaa Itiyoophiyaan qabdu keessaa tokko kan ta’e kan dandamachiisuudha jedhan.
Mummichi ministeeraa Abiyyi Ahamad walii galtee kana waggaa haaraa kanatti misiraachoo labsiinuu dha jedhan.Walii galteen kun Lizii waggaa 50f kan turuu fi haaromfamaa kan itti fufuu ta’u kan ibsan mummicha ministeeraaf gorsaa waa’ee nageenyaa kan ta’an Ambssassaddar Redwaan Huseen, Itiyoophiyaan somaaliilaand keessatti maadhee waraanaa akka qabaattu kan ehamuu ta’us ibsan.
Mummichi ministeeraa Abiyyi Ahamd jalqaba baatii onkoolooleessaa keessa Itiyoohpyaan kallattiin balbala galaanaa akka ishee barbaachiisu ibsa eegaa kennanii booda, muddamsii uumamuun isaa ni yaadatama jechuun Keeneedii Abaata Finfinnee irraa gabaasee jira.
Forum