Guyyaan waggaa haaraa kun kan dhufe namoota kuma kurna hedduun lakkaa’aman kanneen watajjii magaalaa Niiw Yoork Taayims Iskuwaar jedhamu keessatti argaman, faayaa halluu adda addaa qabu kan waraqaa irraa hojjatamee facaafameen aguugamanii wal hammachaa fi wal dhungachaa dhalachuu bara 2024 simatan.
Kunis addunyaa irratti walitti bu’iinsii gaggeeffaman ayyaana kana dukkaneessuu fi addunyaa irratti soda nageenyaa uumee yroo jiruutti.
Poolisiin biyya Nezerlaand Wiixata har’a akka jedhetti, guyyaa jala bultii waggaa haaraa jeequmsa guutuu biyyattii keessatti uumameen namoonni 200 ol to’annoo jala ooluu isaanii fi poolisoonni kurnootaan lakkaa’aman miidhamaniiru.
Poolisiin magaalota hedduu keessatti ibiddaa fi dhagaadhaan haleelamuu, kanas dubbi himaa tokkotu oduu gabaastotaaf himanii, halkan kaleessaa taateewwan ciccimoo fi hokkaraa ''fudhatama hin qabne'' ta'e jedhan.
Poolisiin Rootardaam akka jedhetti konkolaattonni 100 ol fi kanneen biroo achitti ibiddaan kan gubatan yoo ta’u, Amsterdam keessa The Hague fi magaalota biroo keessatti immoo garee jeequmsaa bittimsuuf hokkara uumameef barbaachisee jira.
Magaalaa Haarlem keessatti, namni ganna 19 tokko Dilbata kaleessaa walakkeessa halkanii ga’uuf yeroo muraasa dura balaa ibiddaan mudateen miidhaan irra gaheen du’uu poolisiin beeksiseera
Gama kaaniin, agarsiisa xaaxee ibiddaa kan jala bultii waggaa haaraa gaggeeffameen Waggoota walitti aanaan 5f, magaalaan Yunaaytiid Arab Imareets kan taaee Ras Al Khaimah galmee sadarkaa addunyaa GUINNESS WORLD RECORD jedhamu, yeroo lama injifachuuf yaalaa jirti, kunis diroonii 1,000 ol akkasumas xaaxee ibiddaa halluu fi dizaayinii adda addaa agarsisuun ture.
Agarsiisni daqiiqaa saddeet kun qarqara galaanaatti fageenya Kiloo Meetra 4.5 irratti kan diriiree mul’atee ture.
Forum