Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhimmi Caama Tigraay Keessaa Siyaasaaf Oluun Sirri Miti, Jedha Waajirri Koomiyunikeeshinii Mootummaa Itiyoophiyaa


Faayilii: Asxaa tajaajila kominikeeshini mootummaa Itiyoophiyaa
Faayilii: Asxaa tajaajila kominikeeshini mootummaa Itiyoophiyaa

Caamnii Bulchiinsa naannoo Tigraay keessa jiru kaayyoo siyaasaaf olaa jira jechuun waajirri komunikeeshinii mootummaa Itiyoohiyaa qeeqee jira.

Ministeerri tajaajila komuunikeeshinii mootummaa Dr. Laggasaa Tulluu caamnii Tigraay keessaa isa bara 1977 mudatee ture waliin wal qixxee dha jechuun odeeffannoon faca’ee gonkumaa doggoggoraa dha jedhan.

Bulchiinsa yeroo kan Tigraayiif prezidaantii kan ta’an Obbo Geetaachoo Raddaa, uummata beela’ee Miliyoonan lakka’aman gargaaruuf gaaffiin dhiyaate siyaasa jedhamuu hin qabu jedhan.

Bulchiinsii yeroo kan Tigraay Jimaata Muddee 19 bara 2016 ibsa baaseen, Tigraay irratti Beelaa fi Duutii marsee jira yaada jedhu qaba. Bara 1977 booda, haala mul’atee hin beekneen caamnii akkaan hamaan mudachuu isaa kan in beeksisee in=bsii kun caama amma mudatee fi wal waraansii dhiiga dhangalaasisee kan Tigraay keessatti gaggeeffame walitti dabalamuun, balaa guddaa geesisuu akka danda’uu kan ibsee ture.

Kanaafis jecha mootummaa Feederaalaas ta’e hawaasnii addunyaa beelaa fi du’a Tigraayiin marsee jiru kana ittisuuf, dirqama seeraa fi hamilee irra jiru ba’u qabu jechuun gaafatee jira.

Dr Laggasa Tulluu Sambata dabree ibsa kennaniin, biyyatti keessatti namoota sababaalee nam tolchee fi uumamaan miidhaman gargaaruuf mootummaan hojjataa jira jedhan.Yeroo ammaa namoonni Miliyoona 3.8 bulchiinsa naannoo adda addaa keessatti balaan caamaa isaan mudachuu dubbatan.Mootummaan gara Tigraayti gargaarsa ga’aa ergaa jira jedhan.

Himata Dr Laggasaan dhiyeessan irratti deebii hogganoota bulchiinsa naannoo Tigraay argachuuf yaaliin ta’e hin milkoofne.

Garu Obbo Geetaachoo Raddaa gama Midiyaa hawaasaa kan ofii irratti deebii kennaniin, lakka’anii fixuuf kan nama hin deendeesiifneen lubbuun namootaa darbaa jira jedhan.

Mootummaa Feedeeraalaatti, komishiinara komiishiina hogganasa hojii yaaddoo balaa kan ta’an Dr shifarraaw tekle maariyaam , yeroo ammaa sababaa beelaan lubbuun namaa dabree hin mirkaneessine jechuu isaanii Mulugeetaa Atsbahaa Maqalee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG