Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Kibbaa, Godinaa Gaamoo Keessatti Namoonni Ajjeesamuu, Hidhamuu fi Buqqa'uu Koomishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Beeksise 


Arba Minch
Arba Minch

Bulchiinsa Naannoo Kibbaa Godina Gaamoo , naannawaa Arbaa Mincitti gaaffii aanaa addaa waliin wal qabatee namni tokko ajjeefamuu hordofee lakkoofsi namoota sirriitti hin beekmanee ajjeefamuu Komishiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa beeksiise.

Komishiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa gaabasaa muddee 23, bara 2016 baaseen Godina Gaamoo aanaa naannoo magaalaa Arbaamicitti argaman Elgoo, Wezaaqaa, Dembilee fi Caamoo 01 kan jedhaman gandoonni Afur Godina Gaamoo jalaa ba’uun Annaa addaatti caaseffamuuf bara 2010 irraa kaasee gaaffii dhiyyeessaa turaniin waliti bu’insonni babbal’achaa dhufuu kan eere gabaasichi , gaafa Onkoloolessa 11 bara 2016 namni yakkaan shakkamee to’annaa jala oolfameeru tokko reebicha Poolisiin irra ga’een du’uu hordofee walitti bu’insi uumame namoonni biro du’uu, qaamaa hir’achuu , fi qabeenyi maca’uuf sababa ture jedhan waajjira komishinii mirga namoomaa Itiyoophiyaa kan Hawaasaatti itti gaafatama kan ta’anb Obbo Bagaashaw Isheetuu. Itti dabaluunis sarbaminsi mirgaa raaawwateera kan jedhan Obbo Bagaashaaw namoonni ajaja mana murtiin alattais to’annaa jala oolfamaniirus jedhan. Sarbamni mirga namoomaa naannichatti ammayyuu raawwachaa jiru gara sadarkaa biraatti akka hin dabarreef Komishiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa yaada furmaata ta’a jedhe bulchiinsa mootummaa naannichaaf, kanneen gaficha dhiyyeessaa jiraniif akkasumas dhaabbilee siyaasaa mormitaaf dhiyyeessaa ture ammayyuu deebii waan hin arganiif aannichatti ammayyuu dhiphinni mul’ata jedheera.

Mootummaan Federaalaa fi bulchiinsa mootummaa Kibba Itiyoophiyaa jirattoota naannichaa fi Godina Gaamoo waliin ta’uun akkasumas kanneen dhimmichi ilaallatu waliin namoota sababa walitti bu’insaa kanaan qe’ee isaaniirraa buqqa’aniiraaf gargaarsa namoomaa ariifachiisaa akka dhiyyeessaniif akkasumas gara qe’ee isaaniitti akka deebifamaniif komishiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa gabaasa isaa keessatti waamicha dhiyyeesseera jechuun Yoonaattaann Zabdiyoos Hawaasaarraa gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG