Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraanni Isiraa'el Haleellaa Haaloo-Bahinsaa Bakka Qiyyaafata Isaa Lebaanon fi Siriyaa Keessaa Irratti Geggeessuu Beeksise 


Waraanni Isiraa'el Haleellaa Haaloo-Bahinsaa Bakka Qiyyaafata Isaa Lebaanon fi Siriyaa Keessaa Irratti Geggeessuu Beeksise 
Waraanni Isiraa'el Haleellaa Haaloo-Bahinsaa Bakka Qiyyaafata Isaa Lebaanon fi Siriyaa Keessaa Irratti Geggeessuu Beeksise 

Gidduu galeessa fi Kibba Gaazaa keessatti Walwaraansi cimaan garee Milishaa Hamaasii fi Israa’eel gidduutti adeemsifamaa jira. Humnoota Hamaasii fi Israa’eel gidduutti Kibxata har’aa naannoo Al Bureeji bakka gidduu gala Paalestyiinotaa fi magaalaa guddittii lammaffaa Gaazaa kan taate Kihaan Yunuus kan Gaazaa gama kibbaa keessatti lolli cimaan taasifamaa jira. Humni waraanaa Israa’eel immoo ibsa baaseen Kibba Liibanoonitti haleellaa qilleensarraa Hiizboollaah qiyyeeffannoo keessa kan galfateen raawwachuu isaa ifoomseera. Kunis gareen Hizboollaah garee Hamaasiin kan deeggaru jechuunidha. Kana malees Siriiyaarraa Misaa’eeliiwwan gara Israa’eelitti furguggifamaniif deebii kennineen bu’uuraalee misooma waraanaa Siriiyaa rukuteera jetteeti. Ejeensiin Oduu mootummaa Siiriyaa akka gabaaseetti sababa halleellaa Qilleensarraan Israa’eeliin fudhatameen qarqara magaalaa Damaasqootti miidhaa qaqqabsiiseera jechuun mirkaneesseera.

Israa’eel Hizboolaan yoo duubatti hin deebine Liibanoon guutuu keessatti waraana banuu akka dandeessu akeekkachiisteetti. Gareen Hizboolaah fi Hamaas kannee Iraaniin deeggaramanidha. Akkasumas hidhattoonni biroon kannee Iraaniin deeggaramu jedhan kanneen Siriyaa, Iraaq fi Yemen keessaa Halleellaa fageenya dheraarraa Israa’eel irratti raawwachaa jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG