Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaamaliyaan Waliigaltee Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaaf Kennu Ka Somaaliilaandii fi Itiyoophiyaa Gidduutti Mallatteessame Fudhatama Dhorkatte


Walii galtee Somaaliilaand fi Itiyoophiyaa
Walii galtee Somaaliilaand fi Itiyoophiyaa

Somaaliyaan Ambaasaddara ishee Itiyoophiyaa keessaa gara Moqaadishootti erga waamteen booda walii galtee Itiyoophiyaan Somaalii land waliin mallatteessite ifatti mirga abbaa biyyummaa kan sarbu jechuun hawaasni addunyaa cinaa akka dhaabbatuuf waamicha dhiyyeessiteetti. Somaaliyaan mana maree Ministiroota ishee yaa’ii hatattamaa kan waamte yaa’ii ariifachiisaa kanaan boodas ibsa kenniteen “akka heera Somaaliyaatti Somaalii land qaama Somaaliyaati, walii galteen akkanaammoo ifatti aabbaa biyyummaa sarbuudha jedheera. Itti dabaluunis walii galtee fudhatama hin qabanee fi Somaaliyaan walii galticha hin fudhattus jedheera.

Mootummaan Somaaliyaa dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti , Gamtaa Afirikaatti , Garee biyyoota biyyoota Afirikaa Bahaa” IGAD” tti akkasumas Liigii biyyoota Arabaatti iyyachuun akka waliin dhaabbataniif waamichaa dhiyyeessa jedhee , Itiyoophiyaan seera Idil Addunyaa akka kabajjuuf akka dirqisiisaniifis waamicha dhiyyeessiti jedha Ibsi mana maree Ministirootaa ykn Kaabinee mootummaa Somaaliyaa.

Ministirri haajaa alaa Itiyoophiyaa gama isaan ibsa baaseen walii galteen Ministira muummee Itiyoophiyaa Abiyyi Ahimadii fi Pireezidaantii Somaalii land Musee Bihee Abdi gidduutti mallateeffame fedhii Itiyoophiyaan hula galaana Diimaa barbaaddu kan dhugoomsu jedhee , Itiyoophiyaan Somaalii land biyya of dandeesse ta’uu isheef beekamtii akka kennituu fi kunis gara fuuladuraatti kan ifoomu ta’uus eereera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG