Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashiyaan Magaalaalee Yukireen Irratti Haleellaalee Misaahelaa Baay'ee Raaw'atte 


Russia Ukraine War
Russia Ukraine War

Raashiyaan haleellaa Misaa’eelootaa raawwatteen namoonni Afur du’uu fi kanneen Kudhanii ol ta’animmoo madaa’uu Angawoonni Yuukireen Kibxata har’aa beeksiisan.

Angawoonni Yuukireen Kibxata har’aa akka beeksisanitti halleellaa Misaa’eelii Raashiyaarraa gara Yuukireenitti taasifameen magaalaa Keeyivii fi Kihaarkiv keessatti namoonni Afur du’uun kanneen Kudhanii ol ta’animmoo madaa’aniiru.

Raashiyaan Dirooniiwwan ykn xiyaarota nama maleeyii fi Misaa’eloota gara Yuukireeneetti erguu kan Ibsite Yuukireen osoo miidhaa hin dhaqabsiisiin fashaluu isaaniis ibsiteetti. Raashiyaarraa dirooniiwwan 35 fi Misaa’eeliiwwan 99 gara kootti furguggifamaniiru kan jette Yuukireen halleellaa Dirooniiwwan hundaa fi kan Misaa’eeloota 72 fashalsiiseera jetteetti.

Akka Ibsa Yuukireenitti haleellaan kun kan raawwatame sa’aatii ganamaarra kan raawwatamee fi kutaalee magaalaa Kiiv keessatti sarara gaazii kan miidhe yoo ta’u caccabaan Misa’eelii kufuunimmoo namoota 20 madeessuu fi Gamoo guddaa tokko keessattimmoo balaan Ibiddaa akka uumamu taasisuu bulchaan magaalaa Kiiv Vitaalii Kilitschko mirkaneesseera. Dhukaasa farra Rookkeettiiwwaniin dhukaasota kanneen fashaleessuuf dhohisoonni mudachuu kan ibsan bulchaa magaalittii yoo xiqqaate aanaalee Shan keessatti balaan Ibiddaa ka’eeras jedhan.

Pireezidaantiin Yuukireen Voloodiyimiir Zeleeneskii Mudde 31 irraa kaasee Raashiyaan dirooniiwwanii fi Misaa’eeloota 170 gara Yuukireeniitti ergiteetti jedhanii , haleellaawwan kunneenis kanneen namoota nagaa irratti qiyaafatan jedhaniiru. Halleellaawwan kanaanis namoonni nagaa 92 madaa’aniirus jedhan.

Halleellaan Kibxata har’aa Raashiyaan Yuukireen irratti fudhatte , gaafa Sanbata xiqqaa darbe Yuukireen haleellaa magaalaa Raashiyaa Belgorod irratti fudhatteen lubbuu namoota 24 kan galaafatee fi kanneen dhibbaa ol ta’an akka madaa’aniif sababa kan ta’e hordofee Pireeziidaantiin Raashiiyaa Vilaadmiir Puutiin deebii kanaa kan ta’u Raashiyaan Yuukireen irratti tarkaafii ni fudhatti jedhanii erga dhaaddataniin booda.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG