Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaan Waliigaltee Dhimma Ulaa Galaanaa Somaaliilaand Waliin Mallatteessiteen "Biyyi Miidhamus Seerri Cabes Hin Jiru" Jette


Ethiopia Somalian agreement
Ethiopia Somalian agreement

Waliigaltee Itiyoophiyaa fi Somaalilaandiin mallatteeffameen "paartiis ta'e biyyi kamiyyuu hin miidhamu" jechuun mootummaan Itoophiyaa beeksisee jira.

Tajaajilli Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Ibsa har’a baaseen, “amantaan cabees ta’e seerri irra darbamee hin jiru “ jedheera.

Ibsii ba’e akka jedhutti Somaalilaandi beekamtii argachuuf carraaqqii gootu ilaalchisee, mootummaan Itiyoophiyaa ejjeennaa qabaachuuf gara fuula duraatti gadi fageenyaan qorachuuf akka jirtu walii galtee kana keessa jira jedha.

Akkasumas Somaalilaandiin Daandii balalii xayyaaraa kan Itiyoophiyaa keessaa qooda akka qabaattu waliigalteen kun ni hayyama jedha ibsichi.

Somaalilaand beekamtii guutuu argachuu baattus, biyyoota biroo waliin waliigaltee mallatteessisuun kun kan jalqabaa miti jechuun falma Mootummaan Itiyoophiyaa.

" Misooma buufata doonii dabalatee biyyoota adda addaa waliin Somaaliilaand waliigaltee mallatteessee jira" jedha ibsii ba’e kun.

Gama biraan Barreessaan olaanaa IGAAD Doktar Worqinaa hariiroo Itiyoophiyaa fi Somaaliyaa gidduu jiru keessatti haalawwan dhiheenya kana mul’atan ilaalchisee yaaddoo guddaa akka qaban ibsaniiru.

"IGAD haala jiru ciminaan hordofaa kan jiru yoo ta'u, tasgabbii naannoo irratti dhiibbaa fiduu danda'u hubateera", jedhan

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG