Bulchiinsa naannoo Amaaraa naannoo walloo kaabaa fi shawaa kaabaa keessatti raayyaa ittiisa biyyaa fi hidhattoota Faannnoo giddutti wal waraansii gaggeeffamuu kanneen yaada isaanii kennan ibsanii jiru.
Godiina walloo kaabaa aanaa Haabruu ganda baadiyyaa Buhoor jedhamtu keessatti Muddee 23 bara 2016 raayyaa ittisaa fi hidhattoota Faannoo giddutti wal waraansa gaggeeffameen miidhaan dhaqqabuu jiraattonni ibsanii jiru.
meeshaa guddaa gatameen, miseensoota maatii tokko irra midhaan dhaqqabuu madden odeeffannoo kan sagalee Amerikaa ibsanii jiru.
Haala wal fakkaatuun Magaala Dasee irraa fageenya kilo meetra 65 irratti kan argamtu, naannoo Wurgeessaa keessattis dhukaasa wal fakkaataan akka ture ibsanii, namoonni nagaa gabaaf ba’an irratti miidhaan qaamaa dhaqqabee Daseetti ergamuu isaanii ibsan.
magaalaa Dabra Birhaan keessatti har’a hanga gara walakeessa guyyaatti, dhukaasii dhaga’amaa akka turee, kanneen yaada isaanii ibsan dubbataniiru.
Sababaa dhukaasa kanaanis, jiraattonni manaa ba’u akka hin dandeenye midhaa namaa fi qabeenya irratti dhaqqabe dubbachuuf rakkisaa ta’e jira.
Dhimma kana ilaalchisee hogganoota mootummaa Godinaalee lamaanii irraa yaada isaanii argachuuf yaaliin ta’e hin milkoofne jechuun Masfiin Arraagee gabaasee jira.
Forum