Xurree ittiin seenan

Breaking News

Golli Naga-Eegumsaa Ka Tokkummaa Mootummootaa Walga'ii Hatattamaa Waameen Dhima Nageenya Galaana Diimaa Irratti Dubbachuuf Jira 


Faayilii: Gola naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummootaa
Faayilii: Gola naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummootaa

Golli naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummoota Roobii har’a walgahii hatattamaa gaggeessuun nageenya Galaana Diimaa irratti mari’achuuf jira.

Kunis, hidhattonni Yaman keessatti maadheeffatan kan Huuttii galaana dimaa irratti Doniwwan irratti haleellaa irra deddeebi’uun eega gaggeessanii booda.

Hidhattonni kun baatii Onkoloolessa irraa eegalee haleellaa diroonii, misaa’elaa akkasumas, biriruwwan haleeluu kan jalqaban yoo ta’u, Dooniiwwan Israa’el waliin hidhata qaban ykn gara Israa’el imalan jedhan irratti qiyyaafataniiru.

Hidhattoonni kunis lammiilee Falasxiin Gaazaa keessa jiran waliin gamtaadhaan socho’aa akka jiran dubbatu.

Dubbi himaan Ergama Amerikaa kan Tokkummaa Mootummootaa Neete Evaans ibsa baasaniin “Haleellaan hedduun sababa malee Yaman keessaanaannoo Huutiin to’atame irraa maddu daldala idil-addunyaa fi nageenya galaanaa irratti balaa guddaadha,” jedhan.

Haleellaan kun humnoota Amerikaa fi Ingilizii irraa deebii gama waraanaa kan argate yoo ta’u, Ameerikaan gamtaa biyyootaa hundeessuun karaa doonii deemuu eeguuf akka yaaltu taasiseera.

Dhaabbileen fe’umsaa daldalaa hedduun hojii isaanii gama biraatti jijjiruun, dooniiwwan Galaana Diimaa fi galaana Meditiraaniyaanii karaa Sulula Su’eez irraa fageessanii erguun, daandii dheeraa karaa naannoo Afrikaa gama kibbaan fayyadamaa jiru.

Ajajni Giddugaleessaa kan Yunaaytid Isteetis akka gabaaseetti, haleellaa haaraa hidhattonni Huuttii Kibxata kaleessaa galgala, misaa’ela farra doonii lama Yaman irraa gara Galaana Diimaa gama kibbaatti dhukaasaniiru, garuu miidhaan dhaqqabe hin jiru jedheera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG