Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriirri Mormii Mootummaa Itiyoophiyaa Balaaleffatu Moqdishootti Geggeessame 


FAAYILII: Hiriira mormii Moqadishoo keessatti geggeessame
FAAYILII: Hiriira mormii Moqadishoo keessatti geggeessame

Jiraattonni magaalaa Moqaadishoo kuma kudhaniin lakkaawaman Roobii kaleesaa hiriiraa taasisaniin waligaltee muutummaa Ityoophiyaa fi kutaa Somaamlilaand gidduutti mallateefaame irratti moormii isaanii dhageessisanii jiru.

Hiriira mormii staadiyoomii Kooniis keessatti taasifamee kan kan qindeesse bulchiinsaa kutaa magaala Moqaadishoo yemuu ta’u, hirmaattonni hiriiraa kanaa dhaadannoo balaaleffannaa adda addaa qabachuudhaan waliigalteen Ityoophiyaa fi kutaa Somaliland giduutti mallaateeffame, fedhii biyyaaleesaa ummata Somaaliiyaa kan tuffateef balaa keessa kan galchu akka ta’ee ibsuun isaanii gabaasameera.

Hermaattonni hiriiraa kanaa yaada kennaniin, daangaan Somaaliyaa dhaabataa mootumoota gamtoomaniitiin beekumtii kan qabuu ta’uu isaa ibsanii, waligalticha ilaalchisee dhaabanii mootummoota gamtoomaniis akka seera isaa kabachiisuu qabuu gaafachuun isaanii ibsameera.

Sirna hiriiraa kana irraatti kan dubbatan ministeerri dhimma biyyaa keessaa Somaaliiyaa Ahimed Mo’aaliim Fiiqii muumichii ministeeraaa mootummaan Ityoophiyaa dhimmichaa irratti mootummaa feederaalaa Somaaliyaa moggaatti dhiibuu isaani fi haalichi akka tuffii ta’es dubbatanii waliigaltichii sarbama seeraa waan ta’eef mootummaa biyya isaanii biratti akka fudhatama hin qabnee beeksisaniiru.

Haanga’an mootummaa Somaaliyaa kun waliigalticha dura dhaabbachuudhaaf lammiileen biyyatti akka tokumaadhaan soccho’an kan gaafatan yemuu ta’u, hiriirtonii yaada isaanii kennannis wali galtichii walabumaa biyyaalesaa fi tasgabbii diinagdee somaliyaa irraatii rakkina egeree kan uumuu ta’uu isaa ibsuun isaanii gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG