Xurree ittiin seenan

Breaking News

Isiraa'el Haleellaa Xayyaaraan Kamisa Gaazaa Keessatti Geggeessiteen Namoota 14 Ajjeeste, Jedha Hamaas


FAAYILII: Palestinians mourn relatives killed in the Israeli bombardment of the Gaza Strip outside a morgue in Khan Younis on Thursday, Jan. 4, 2024. (AP Photo/Mohammed Dahman)
FAAYILII: Palestinians mourn relatives killed in the Israeli bombardment of the Gaza Strip outside a morgue in Khan Younis on Thursday, Jan. 4, 2024. (AP Photo/Mohammed Dahman)

Minisiteerri fayyaa kutaa Gaazaa kan Hamaasiin dursamuu akka jedheetti haleellaa xiyyaaraa kamisaa har’aa kibbaa Gaazaa bakka Kahaan Yunuus jedhamutti raawwate Kanaan namoottan ajjeefaman 14 keessaa Sagal ijoolleewwan akka ta’an beeksiseera.

Israa’eel haleellaa fi ajeechaa Kanaan walqabatee ibsii kenniite jiraachuu baatus, bakka Kahaan Yunuus jedhamuutti milishootaa garee hamaas dhodhoowaa ykn boombii lafaa keessa awwaalaa turan irraati haleellaa raawwachudhaan namoottan Sadii ajjeefamuu isaanii mirkaneesitee jirti.

Israa’eel ibsa biroo kenniteen kamisaa har’aa garee Hizboollaa Libaanoon keessatti argamuu irraa Rookeetiin itti dhukaa’uu isaa beeksifetee deebii isaatiifis Hiziboollaa irratti haleellaa raawwachuu ishee ibsitee jirti.

Haleellaan kun kan raawwate yoo Israa’eel Libaanon irratti haleelaa raawwatee deebii kamiinuu kennuudhaaf dhaabbanni isaanii qophaawaa ta’uu isaa hogganaan Hizboollaa Hasan Naasiallaah ibsaa karaa Televijiiniitin kennaniin ergaa beeksisanii booda.

Gareen Hiziboollaah akka garee Hamaas mootummaa Yunaayitid Isteetsin akka garee Shororkeesaatti kan farrajame ta’uun isaa ni beekama.

Kun ittuu Kanaan jiru, Mootummaan Afrikaa kibbaa Israa’eel yakkaa waraanaa fi gochaa farraa namoomaa lammiilee Palastaayin irratti raawwateett jechuudhaan himanna mana murti yakka adduunyaa irraati dhiheesse akka balaaleffattu Yunaayiti Isteets ibsetee jirti.

Himannaan Afrikaan kibbaa duguuggan sanyii raawwateera jechuudhaan dhiheesitee bu’uuraa fi ga’uumsaa akka hin qabnee dubbiihimaan mana marii nageenyaa Waayit Haawus Joon kerbii ibsanii jiru.

Mootummaan Israa’eel gaman isaatiin tarkaanfiin Afrikaa kibbaa maqabaleesiidhaa jechuudhaan daldhansuudhaan mormii isaa akka dhiheesee gabaasamera.

Mannii murti yakka adduunyaa Ze Heegitti argamuu himannaa mootummaan Afrikaa kibbaa Israa’el irraatti dhiheessee ilaaluudhaaf Amajjii 11 fi 12 bara 2024 ti baallamaa godhatee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG