Manni maree nageenyaa dhaabbata mootumoota gamtoomanii dhimma nageenyaa galaana diimaa irratti mulachaa jiruu irraatii marii taasisee jira. haanga’onii dhaabatichaa fi bakka bu’oonni biyyoottan miseesota mana mariichaa yaada kennanii jiru.
Dhaabata mootumoota gamtoomanitti gargaaraa barreesaa muummee kan ta’an Kahaaliid Kahi’aarii haalli waranaa galaana diimaa irratti yeroo amma jabaachaa deemaa jiru dhimmaa siyaasaa, nageenyaa, dinagdee fi dhimma namoomaa irratti dhiibaa umuudhaan naanichii akka muddama keessaa seenu taasisaa jirachuu isaa walgahii kana irratti ibsanii jiru .
Hallii gareen huutti inni mootummaa Iraaniin akka deggeramu himamu galaanaa diimaa irratti umaa jiru lammiilee yemen miiliyoonatti lakkawamanuuf gargaarsaa taasifamu kan miidhaa jiru ta’uu isaas haanga’an mootummoota gamtoomanii kun dabaluudhaan ibsanii jiru.
Barreessaan dhaabbata sochii galaanaa irraa kan adduunyaa ykn “ International Maritime Organization” Arseeniyoo Dominguu’ez gama isaaniitiin yaada kennaniin, halli amma galaana deemaa irraa jiru jireenyaa lammiiwwan Yemen Miiliyoonii 21 ta’aniif, akkasumas nageenyaa naanichaatiif waan yaaddesaa ta’eef haalii nageenya galaanichaa bakka isaatii deebi’uu akka qabu hasaa toraa suur-sagaleetiin taasisaniin gaafatanii jiru.
Bakka bu’ann mootummaa Yunaayitid Isteets yaada kennaanii mannii maree nageenyaa akka seerii adduunyaa hojii irraa oluu fi mirgii bilisaan galaana irraa imaluu akka kabajamu akka taasisu mana marichaa gaafatanii jiru.
Biyyi isaanii dhimmaa kana irratti biyyaa Huutii gargaa jirti jettu Iraanii wajjin walitti bu’insaa biraa keessa akka seenuu hin barbaanne kan ibsan bakka bu’an Yunaayitid Isteets wantii galaana diimaa irratti raawachaa jiru seeraa mana maree nageenyaa lakkoofsaa 2216 kan cabse ta’uu isaa ibsanii jiru.
Ambaasadarri mootummaa Israa’el Gilaad Erdaan gama isaaniitin, mootummaan Iraan garee shororkeesitootaa akka degeraa jiru himanii seerri mana marichaa lakkoofsi 2231 fi 2216 akka hojii irraa oolu taasifamuu qabaa, amma jalqabnees tarkaanfii fudhachuu qabna jechuun isaanii gabaasamee jira.
Sababa dhimmaa nageenyaa galaanaa dimaa irratti umame Kanaan kan ka’e dooniiwwan fe’uumsaa galaa dhiimaa irraa imalan waan karaa biraa dheeraa deemuudhaaf dirqamaniif gatiin fe’uumsaa dooniwwanii sadarkaa adduunyaatti dabaluu isaa kunis wannen jireenyaa namootaaf barbaachisaa ta’an irratis akka gatiin dabalamu taasissuu isaa maddii oduu Rooyoters gabaasee jira.
Forum