Bulchiinsaa naannoo kibbaa Ityoophiyaa aanaa naannoo Arbaa Minci keessatti walitibu’insaa umnoottan nageenyaa fi namoottaan bulchiinsaa aanaa addaa gaafatan gidduutti umameen lubuun namootaa darbuu isaa jiraattonni sagalee Amerikaati himanii jiru.
Lakkoofsi namoottan Waliti bu’insa Kanaan du’an qaamaa sadaffadhaan mirkanaa’uu baatus jiraattonni fi maatiiwwan miidhamtootaa akka sagalee Amerikaatti himanitti walti bu’isa Kanaan lubbuun namoottan Kudhanii darbee jira.
Aanichaa keessatti gandaawwaan Wezeqa, Eelgoo, Dambalee fi Caamoo 01 jedhaman keessatti umnoottan mootummaa maneen jiraattotaa keessa umnaan seenuudhaan saamichaa fi darara raawachaa akka jiran jiraattonni sagalee Amerikaatti himanii jiru.
Godina Gaamoo bulchiisaa aanaa naannoo Abaamiciiti ajajaa umna poolisii kan ta’an Komaander Kibebewu Adaal umnoottan nageenyaa mootummaatiin namoottan nagaa irratti haleellaan raawwatamee akka hin jirree ibsanii, inumaayuu umnoottan nageenyaa haleellaa isaan irratti aggaamame of irraa qolachaa akka turan ibsanii jiru.
Gaafii bulchiinsaa aanaa addaatiin kan ka’ee godina Gaamoo aanaa naannoo Arbaa minci keessatti walitibu’insa umamee tureen namoonii lakkoofsi isanii addaan bahee hin beekamne du’uu isanii komishiniin mirga namoomaa Ityoophiyaa ibsa Qebxata dheeggadaa baaseen beeksisuu isaa Yoonaatan Zebdiyoos Hawaasaa irraa gabaaseera.
Forum