Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waliigaltee Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa fi Somaalii Laand Irratti Mormiilee Dhihaataniif Aangawaan Itiyoophiyaa Ibsa Kennan 


Waliigaltee Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa fi Somaalii Laand Irratti Mormiilee Dhihaataniif Aangawaan Itiyoophiyaa Ibsa Kennan 
Waliigaltee Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa fi Somaalii Laand Irratti Mormiilee Dhihaataniif Aangawaan Itiyoophiyaa Ibsa Kennan 

Akkaataa fayyadama Buufata doonii fi ulaa galaanaa irratti waligalteen mootummaa Ityoophiyaa fi kutaa Somaalilaand giduutti taasifame bakka adda addaati yemuu ijoo dubbii ta’ee jiru kanatti

Kan ibsa kennan gorsaan dhimmaa nageenyaa muumicha ministeeraa Ityoophiyaa Ambaasader Reediwaan Huseen dhimichaa irratti deebiwwaan karaa adda addaatiin mulachaa jiran waan mootummaan isaanii eegee alaa akka hin tane himanii jiru.

Ityoophiyaan ulaa galaanaa ofii isheetii too’attu, ofii isheetii misoomsitu qabaachuun ishee nageenyaa fi sochii daladalaa biyyattif bu’a qabeesaa akka ta’e kan himan ambaasadeer Reediwaan, waligaltee tibbana taasifame irratti mormii kan kaasaa jiran Ityoophiyaan miila isheetiin dhaabachuu danda’un ishee warren sodaa irratti uumeedhaa jedhanii jiru. Warren kun enyuun akka ta’an addan baasanii hin dubbane.

Dhimichaa warren cimsanii morman jiraachuu isaanii kan ibsan Reediwaan Huseen warren waan haaraa miti jechuudhaan callisanis jiraachuu isaanii dubbataniiru.

Kutaa Somaali Laandiif akka biyyaatti beekumtii kennuu ilaalchisee kan deebii kennan Ambaasader Reediwaan, akkaataa waligaltee amma malatteeffameen lafaa erga argatanii boodaa akkaataa bekamitti argachuu Somaalilaand irratti Ityoophiyaan akka ijjannoo ishee beeksiftuudha kan ibsan.

Walii galuu irratti akka waligaluu qabnu irraa gahame malee waligaleteen xumuraa akka harkaa mootummaa hin geenyes ibsaa Televijiinii biyyaatii irratti kennaniin ambaasadeerichi dabalanii beeksisuu isaanii gabaasinni Kenedii Abaatee ibseera.

Haaluma walqabateen biyyii Kanaan duraa kutaa Somaalilaand bulchaa turtee Biriteen mootumaan Somaliiyaa fi Mootummaan Ityoophiyaa akka dhimmichaa irratti marii taasisan gaafatee jira.

Embaasiin Mootummaa Biriteen Moqaadishoo irraa ibsaa miidiyaa hawaasaa Tiwwuuter isa yeroo amma maqaa ykn mallatoo “X” jedhumuun beekamu irratti kenneen, mootummaan Biriteen birmadummaa daangaa Somaaliyaa akka kabjuu beeksisuudhaan biyyoottan lamman halaa waldhabdee babaldhisuu irraa of qusatanii karaa nagaatiin akka irratti maryatan waamichaa dhiheesuun isaa gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG