Xurree ittiin seenan

Breaking News

 Ministarri Dhimma Alaa AmeerikaaBulchiinsi Gaazaa Waraansaa Boodaa Maal Tahuuf Jira Ka Jedhu Mari'achuuf Giddu-Galeessa Bahaatti Imalan 


US Secretary of State Antony Blinken speaks during a press conference in New Delhi
US Secretary of State Antony Blinken speaks during a press conference in New Delhi

Minsteerri dhimmaa alaa mootummaa Yunaayitid Isteets Antoonii Bliken erga walwaraansii Israa’eliif Hamaas jalqabamee as yeroo Afuraffadhaaf yemuu gara walakeesaa bahaatii imalanii jiranuuti, waraanii Israa’eel haleellaa Gaazaa irratti raawwatu itti fufee jira.

Antoonii Bliiken daawwanaa isaanii Jimaata har’aa walakeessaa bahaa keessatti jalqaban Kanaan Isiraa’elif kutaa Weest Baankii alatti Turkii, Giriiki, Jordaan, Qaataar, Yuunaayitid Arab Emeretii , Sa’ud Arabiyaa fi Masrin akka daawatan ibsameera.

Sababnii ijoo daawwanaa Bliinken ammaa ergaa lolli raawwatee boodaa bulchiisnii gaazaa akkam akka ta’uu qabu akkasumas, halaa gargaarsaa namoomaa Gaazaa keessatti taasifamuu qabu irratti, maryachuudhaaf akka ta’e minstirii dhimmaa alaa Yunaayiitid ibsaa guyyaa kaleessaa kennen beeksisee jira.

Karaa biraatin kutaa Gaazaa bakkaawwan Kahaan Yunuus , Raafaa fi kutaawwan walakeessa Gaazaa keessatti kaleesaa galagalaa kaasee haleellaa xiyyaaraa raawachaa jiraachuu ishee Israa’el beeksiftee jirti.

Maddi oduu Ajaans Fraans Prees qondaaltotaa waraana Israa’eel waabeefachuudhaan akka gabaaseetti haleelaa xiyyaaraa Kanaan, bakka umnoottan Hamaas maandhefatan dabalatee, bakkaawwan 100 ol rukutanii jiru.

Lola naannoo Kahaan Yunus keessatti taasifameen hidhattonni Paalastaayin hedduun Ajjeefamuu isaaniis haanga’onni waraana Israa’eel ibsuun isaanii gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG