Bulchiinsa naannoo Amaaraa magaalaa Gondarii fi naannoo isheetti, dhuma torban dabree irraa jalqabee, humnootii nageenyaa kan mootummaa fi hidhattoota Faannoo giddutti, walitti bu’iinsa uumameen namoonni nagaan lakkoofsii isaanii meeqa akka ta’e hin beekamne ajjeefamaniiru jechuun, jiraattonni sagalee Amerikaaf ibsanii jiru.
Jiraattonni magaalatti har’a sagalee Amerikaaf akka mirkaneessanti, naannoo magaalatti kan jiran Ayibaa fi Fanxiiq lafa jedhamanti akkasumas , magaalatti keessatti imoo, naannoo Dassaleeny , Hiddaasee fi shawaa Daabboo jedhamuun beekamuuti, jimaata dabree kaasee walitti dhukaasa guddaatu gaggeeffamee jira.
Yeroo kanattis, olloota keenya jechuun kanneen ibsan dabalatee namoonni lakkoobsaan hin beekamiin du’uun ibsamee jira.Haala kana irraa ka’uun hanga Wiixata har;atti dhaabattonni daldalaa cufaman hin banamiin akka jiran itti dabaluun jiraattonni ibsanii jiru.
Ayyaana cuphaa magaala Gondar keessatti kabajamaa ture, baranaa haala ho’an kabajuuf qophiin barbaachiisu martii gaggeeffamaa akka jiru aangawoonni magaalattii fi bulchiinsa naannoo ibsaa yerii jiranti waa’een walitti bu’iinsa kanaa dhaga’ame.
Komishiniin polisii bulchiinsa naannoo Amaaraatti itti aanaa komishinaraa akkasumas, itti aanaa itti gaafatamaa dame ittisa yakkaa komishiinara Inniyeew Zewduu yeroo ammaa ayyaana kana kabajuuf haallii jiru tasgabaa’ee jira jechuun sabaa himaa naannoo sanaaf ibsuu isaanii Asteer Misgaanaaw Baahir Daar irraa gabaastee jirti.
Forum