Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ayyaana Qullubbii Gabreel Kabajanii Otuu Deebi’anii Namoota Iggitaman Keessaa 11 Gad-lakkisamuun Himame  


NAaannoo Dirreedhawaa
NAaannoo Dirreedhawaa

Muddee 17 bara 2016 kokolaataan gara Qullubbiitti deemaa ituu jiranii, oromiyaa godiinaa shawaa Bahaa magaalaa walancittii keessaa ba’e saamiinsii irratti gaggeeffamu kan ibsee namnii kun, Muddee gaafa 19 ennaa deebi’aa jiran immoo hidhattootaan haleellaan gaggeeffamu fi kokolaataa Aysuuzuu keessa namoota waliin imalaa turan 19 keessaa lubbuun namoota 5 dabruu ibsee.

Jiraattoota Finfinnee kan naannoo Aqaaqii ka ta’an namoonni safara tokkoo shaman kun, ajjeefamanii kokoolaataa isaanii wajjiin gubachuu isaanii, kanneen gadhiifaman keessaa tokko dubbatee jira.

Dubartoota 4 hambisanii Dhiiroota 11 immo fudhanii deemuu ibsee

Guyyoota 10f haala akkaan hamaa keessa akka turanii fi qarshii kuma 100 hanga kuma 200 kuma 50 gaafatamanii hin qabnu jechu isaanii ibsan.kanaafis reebicha hamaatu nu irra ga’e, sana booda nu gadhiisan jedhu.

Maatii namoota butamanii keessaa tokkoof abbaa namnii ta’an akka jedhanti, warri gadhiifamanii galan kun, miidhaan qaamaa fi qorqalbii irra ga’eera jedhu.

Kanneen nama iggiitan kun rifeensii isaanii fo’amaa fi

afaan Afaar, afaan oromoo fi afaan Amaaraa kan dubbatan ta’u iggitamanii kannen turan ibsanii jiru.

Dhimma kana kan ilaaleen deebii gama mootummaa argachuuf yaaliin irra deddebi’uun taasiifne hin milkoofne jechuun Keeneedii Abaata Finfinnee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG