Xurree ittiin seenan

Breaking News

Isiraa'el Gaazaa Keessatti Hamaas Irratti, Libaanon Kibbaa Keessatti Immoo Hizbollaah Irratti Haleelaa Geggeessuu Beeksite


Israel Palestinians
Israel Palestinians

Israa’el Wiixata har’a akka jettetti humnoonni ishee Gaazaa giddu galeessaa fi gama kibbaa keessatti hidhattoota Hamas irratti haleellaa haaraa, akkasumas Lebaanan gama kibbaa keessatti immoo, Hizbullaah irratti haleellaa qilleensa irraa gaggeessuu isaanii ibsitee jirti.

Haleellaan kun kan raawwatame yeroo qondaaltonni Israa’el daawwannaa ministeera haajaa alaa Amerikaa Antonii Blinkaniif qophaa’aa jiranti.Bliinkan akka jedhanti, dhimma Israa’el Gaazaa keessatti miidhaa namoota nagaa irra ga’u ittisuuf caalaatti hojjechuu fi lammiilee nagaa Falasxiinotaaf gargaarsa namoomaa seensisuuf haala mijeessuu irratti kan dubbatan ta’u beeksiisan.

Blinken walitti bu'iinsa naannoo sanatti babal'achaa jiru irrattis yaaddoo qaban ibsaniiru. “Kun waldhabdee akka salphaatti babal’ati ta’uu akka danda’u, daran tasgabbii dhabinsaa fi gidiraa kan fiduudha,” jedhan Blinken Dilbata kaleessaa.

Muummichi Ministeeraa Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuu, Dilbata kaleessaa, walga’ii kaabinee torban torbanitti gaggeeffamu irratti ennaa dubbatan waraanuu itti fufna jechuun dhaadatan.

Dilbataa qabee gaazexeessitoonni 79 ajjeefamuu Koreen mirga Gaazexeessitoota falmuu CPJn beeksisee jira. Dhaabbatichi akka jedhetti namoota du’an keessaa lammiilee Falasxiin 72, kan Israa’el 4 fi gaazexeessitoota Libaanan sadii ta’uu ibseera.

“CPJ gaazexeessitoonni namoota nagaa yeroo rakkoon jiru hojii barbaachisaa hojjetan ta’uu isaanii fi qaamolee wal waraananiin irratti xiyyeeffatamuu akka hin qabne cimsee ibsa,” jechuun Sherif Mansour, qindeessaan sagantaa CPJ kan giddu galeessa bahaa fo Afirikaa kaabaa, ibsa kennaniin dubbatan.

Aljaziiraan du’a gaazexeessitoota lamaa balaaleffateera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG