Bulchiinsa naannoo Tigraay aanaa Atsabii keessatti caama mudatee wajiin wal qabatee lakkoobsii namoota du’anii dabalaa jira jechuun, bulchiinsii aanaa Sanaa beeksisee jira.
Yeroo baatii tokko hin guunnee keessatti, lakkoobsii kun 111 irraa gara 138 guddachuu isaa bulchaa aanaa kan ta’an Obbo Mazgaba Girmaay sagalee Amerikaaf ibsanii jiru.
Ana asana keessatti ammaan dura dhabamsiifamanii kan turan dhukkuboonni akka meeneenjaaytis, cittoo, dhukkuuba ijaa fi garaa kaasaa ykn baasaan bifa weeraraan ka’uun ibsamee jira.Brattonni kuma 10 tti dhiyaatan barnoota irraa adda cituun ibsamee jira.
“ Deebiin Hatattamaa Tigraayiif “ mata duree jedhuun koreen mootummaa naannoon hundeeffame, Qarshii Miliiyoona 200 fi Miliyoona 82 walitti qabuun, midhaan kuntaala kuma 64 namoota naannoo caamaan miidhamee keessa jiraniif dhaqqabsisuu eegaluun isaa ibsamee jira.
Komiishinni hoggansa yaaddoo balaa kan Feedeeraalaa gama isaan, sababaa beelaan namnii du’e jiraachuu isaa hin mirkaneessine jechuun isaa ni yaadatama jechuun Muluugeetaa Atsbahaa Maqalee irraa gabaasee jira.
Forum