Xurree ittiin seenan

Breaking News

Presidaantiin Somaaliyaa Ertiraa Daawwatan  


Prezidaantii Somaaliyaa Hassan Asmaraa Daawwatan
Prezidaantii Somaaliyaa Hassan Asmaraa Daawwatan

Prezidaantiin Somaaliyaa Hassan Sheek Mahmoud Ertraa daawwataa kan jiran yoo ta’u, waliigaltee Somaaliilaand fi Itiyoophiyaa giddutti tolfame seera faalleessuus imala isaanii kana dura mallatteessuu isaanii beeksisanii jiran.

Pireezidaanti Isaayyaas Afawerkii fi giti isaanii kan somaaliyaa kun, daawwannaa ammaa kana keessatti hariiroo biyyoota lamaanii guddisuu akkasumas dhimmoota kutaa fi idil-addunyaa faayidaa- walii qaban irratti ni mari’atu.

Naannoon addaan baate Somaalilaand Itoophiyaa biraa akka biyya walabaatti beekamtii argachuuf jecha Itiyoophiyaan galaana Diimaa akka dhaqqabdu hayyamuuf waliigaltee tolfamee, seera faalleessuu Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud mallatteessuu isaanii sambata dabree galgala ibsaniiru.

Muummichi Ministeera Itiyoophiyaa Abiy Ahimad Galaana Diimaa dhaqqabuuf hawwii qaban ibsuun, biyyoota Gaanfa Afrikaa fi biyyoota ollaa isaa gidduutti madda waldhabdee kan uume yoo ta’u, naannoo sanatti walitti bu’iinsi haaraan akka uumamu yaaddoo uumeera.

Somaalilaandiis ta'e qondaaltota Itoophiyaa irraa yaadni hatattamaa kenname hin jiru.

Gama kaaniin, ministeerri Ittisaa kan Somaaliilaand waliigaltee falmisiisaa tolfameen kan ka’e, aangoo isaanii gadhiisanii ibsanii jiru.

Abdiiqaanii Mohamud Ateye prezidaantii somaalilaand Musee Bihii Abdii wajjiin Dilbata kaleessaa kan dubbatan yoo ta’u ibsanii, waliigaltee tolfamee kan ilaaleen yaada adda addaa qabna jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG