Eega waraansi Israa’el fi Hamaas Onkoloolessa darbe jalqabamee as yeroo afuraffaadhaaf biyyoottan Giddu-galeessa Bahaa kan daawwachaa jiran Ministeerri dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Bilinken daawwanaa isaanii tibbanaa keessaatii hoggantootaa biyyoottan Arabaa hedduu wajjin wal arguudhaan waa’ee muddama walwaraansichaan walqabatee Giddu-galeessa Bahaa keessaatii mudatee jiruu marii taasisaniiru. Gama biraatiin lammiileen Faalasxiin Gaazaa keessaa baafamanii bakka biraa akka hin qubachiifamne kan ibsan aangawoonni mootumaa Israa’el, “lolichi garuu itti fufa,” jedhan.
Antonii Bilinken Hoogganoota Biyyoota Giddu-galeessa Bahaa Waliin Lola Isiraa’elii fi Hamaasiin Walqabatee Muddama Uumamerratti Mari’atan
- VOA
Forum