Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qondaalonni Waraanaa Ol'aanoon Itiyoophiyaa fi Somaalilaand Dhimma Waliitumsaa Waraanaa Irratti Mari'atan 


Angawoota wraanaa Itiyoophiaa fi Somaaliyaa
Angawoota wraanaa Itiyoophiaa fi Somaaliyaa

Mootummaan Itiyoophiyaa mootummaa Somaalee Laandii wajjin waligaltee ulaa galanaa fi fayyadama buufata doonii erga malateesanii booda waligaltee tumsa waraanaa tolfachuudhaaf gareewwan lamman Wixata keleessaa marii taasisuu isaanii Itiyoophiyaan beeksiftee jirti.

Ibsii raayyaan ittisa biyyaa mootummaa Itiyoophiyaa irraa bahee fuula midiyaa hawaasaa ministeerichaa irratti maxxanfamee akka beeksisetti, ajajaan Ajaajootaa waraanaa Itiyoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa fi giti isaanii kan Somaali Laand Nuh Ismail Tani akkaataa tumsaa waraanaa biyyoottan lamman giduutti umuun danda’amu irratti marii taasisanii jiru. ijoo marii ykn waligaltee isaanii ifatti baldhinaan hin dubbatamne.

Mariin qondaaltota waraanaa biyyootan lammanii kun kan taasifamee yemmoo prezidaantiin biyya Somaaliyaa Haasan Sheek Mohaamed Prezidaantii Ertiraa Isaayyas Afewerqii wajjin magaala Asmaraa keessatti wal arganii dhimoottan biyyoottan lammanii irratti yemuu marii taasisaa jiranuudhaa.

Daawwaanaa isaanii Ilaalchisuudhaan televijiinii Eertraa irratti kan dubbatan Prezidaantin Somaaliyaa, yeroo adda addaa akka Eertiraa dhaqan himanii, kaayyoon daawwanaa isanii inni amma waa’ee haala nageenyaa naanichaa prezidaantii Ertiraatiif Ibsuudhaaf akka ta’e himanii jiru. Waa’ee waldhabdee Itiyoophiyaa wajjin jiruu irratti wantii addaan baasanii dubbatan amma ammaatti hin beekamne.

Wali galtee ula galaanaa Itiyoophiyaa fi Somaalii Laand giduutti Amajii 1 barra 2024 mallateeffame Prezidaantiin somaaliyaa kan baalaleeffatan yemuu ta’u birmadummaa daangaa biyya isaanii kabachiisuudhaaf akka hojjatan ibsuun isaanii ni yaadatama.

Waligalitee Ittoophiyaan Somali Laandii wajjin mallateesite keesumaa, kutaa Somaali Laadifi beekumti biyyimaa kennuu iraatti Yunaayitid Isteetsin dabalatee biyyoottan garagara birmadummaa daangaa biyyaa Repaabliik Somaaliyaa akka kabajan ibsanii, waligaltichaan walqabatee baha Afrikaatti muddamnii haaraan akka hin umammne waamicha dhiheesuun isaanii ni beekama. Gamtaan Afrikaas somaliyaanii fi Itiyoophiyaan akka mariidhaaf taa’an waamichaa dhiheessee jira.

Ministirri dhimma alaa mootummaa Jibutii dhimma kana irratti ibsa baaseen, mootummaan Jibutii birmadummaa daangaa Somaliyaa biyyaa miseensa IGAD taate akka kabaju beeksisee, mootummaan Somaliyaa waligaltee Ityoophiyaa fi Somaali Laand taasisan Ilaalchisee mormii dhiheesse Jibutiin akkaataa Dipilomaasiitiin akka fudhatu beeksisun isaa beekameera.

Jibutiin mootummaan Somaaliyaa fi mootumman Itiyoophiyaa akka waldhabdeen hin babalane akka wal arganii marii taasisan wixata har’aa waamichaa dhiheesuun ishee gabaasameera.

Prezidaantiin Jibutii Ismaa’eel Omar Giilee yeroo ammaa prezidaantii garee Gumii biyyoottan baha Afrikaa IGAD ta’uun isaanii ni beekama

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG