Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaan Gondor Lolarraa Tasagababa’uu Hoogganoonni Mootummaa fi Jiraattonni Dubbatan


Magaalaa Gondor
Magaalaa Gondor

Tibbana gareen hidhattoota Faannoo gara magaalaa Gondor seenuuf yaalii taasisaniin rakoon nageenyaa uumamee ture amma gara nagaatti deebi’uu hooggantoonnii fi jiraattoonni himan. Bulchiinsi magaalaa Gondor humnoota mootummaa fi Faannoo gidduutti wal waraansa tureen magaalichatti miidhaa qaqqabe ilaalchisuun dhiyyeenyatti ibsa nan kenna jedheera. Dubbii himaan bulchiinsa magaalaa Gondor Obbo Abbebee Laaqeew ibsa sagalee Ameerikaaf har’a kennaniin walitti bu’insichaan namoota miidhaman irratti qorannaa taasiisaa jirra jedhanii guyyoota muraasa keessttis ni ifoomsina jedhaniiru. Yaada jiraattoonni magaalittii kaleessa sagalee Ameerikaaf kennaniimmoo namoonni ammmaaf lakkoofsaan hin beekamiin walitti bu’insa kanaan du’uu dubbataniiru.

Dubbi himaan bulchiinsa magaalaa Gondor itti dabaluun Magaalitti keessatti manneen daldalaa fi tajaajilli geejibaallee deebi’ee jalqabuu himanii haalli nageenyaa amma jiru Ayyaana Cuuphaa kabajuuf qophiin barbaachisu hundi taasifameera jedhan. Kanneen Ayyaanicha sababeeffachuun daawwannaaf gara Dhufuu barbaadan keessummoonni soda nageenyaa tokko malee dhufuu akka danda’aniifis waamicha dhiyyeessaniiru Obbo Abbebeen. Jiraattoonni magaalaa Gondor Sagaleen Ameerikaa dubbiseerummoo magaalittii keessatti darbee darbee rakkoon nageenyaa uumamu dawwattoonni biyya keessaa fi biyya alaa dhufuun kanaan dura Ayyaanni Cuphaa haala ho’aan kabajamaa turerratti dhiibbaa uumuu mala jechuun sodaa qaban ibsatu jechuun Bahaardaar irraa Asteer Misgaanawuutu gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG