Walakeesaa bahaa kan daawwachaa jiran ministeerri dhimma alaa Yunaayitid Isteets Antoonii Blinken , walwaraansaa Israa’eliif Hamaas giduutti taasifamaa jiru ilaalchisee yaada hogantoota biyoottan Arabaa irraa argatan irratti hoggaantoota mootummaa Israa’elii wajjin akka maryatan ibsanii jiru.
Kaayyoon daawanna Antoonii Blinken walwaraansi Gaazaa keessatti taasifamaa jiru akka gara biratti hin babalanee fi gargaarsii namoomaa haala itti fufuu danda’u irratti dubbachuudhaaf akka ta’e ibsamee jira. Akkumaa kanaan, Blinken Turkii dabalatee erga hoggantoota biyoottan Arabaa Jahaa wajjin maryatanii boodaa qibxata har’aa Teel Aviiv keessatti haanga’ota mootummaa Israa’el wajjin wal arganii dubbachuun isaanii beekameera.
Waan hogantoota biyyoottan Arabaa irraa dhagan irratti presidaantii Israa’el , muumicha ministeeraa fi miseensota kaabinee Israa’eel wajjin akka dubbatan kan ibsan Antooni Blinken, maatiiwwaan namoottan garee hamaasiin butamanii fudhatamanii wajjin akka wal arganii dubbatanus beeksisaniiru.
Marii Antoonii Blinkenii wajjin taasisanii boodaa kan ibsa kennaan mootiin Sa’udii Arabiyaa Mohaamed Biin Saalmaan, waa’ee lola Gaazaa keessatti taasifamaa jiru dhaabuu fi nageenyaa fi tasgabbii naanichaa keessatii deebisanii mirkaneesuu irratti akka dubbatan ibsaniiru.
Israa’el akka sochii waraana ishee Gaazaa keessatti taasisaa jirtu xiqeessaa fi gabaabsaa deemtuu Yunaayitid Isteets dhiibaa gochaa kan jirtu yemmuu ta’u, gaafii dhukaasaa dhaabuu biyyoottan Arabaatiin dhihaate fudhatama dhabsiisuudhaan tarkaanfii Israa’el Hamas irratti fudhachaa jirtuu akka degertu ibsaa jiraachuun ishee ni beekama.
Forum