Yunaayitid Isteets waggaa 50 duraa erga rookeeti gara Ji’aatti ergitee as yeroo jalqabatiif wixata kaleesaa garaa ji’aatti kan ergamee rookeetiin kun kan dhaabataa dhuunfaa Astroobootiik Tekinoolojii jedhamee beekamuun qopheeffameedha.
Dhaabannii rookeetii PERIGRIIN jedhamu gara ji’aatti furgugeesse kun akka ibsetti, boba’aan rooketi isaa waan dhimmisuu jalqabeef sa’aatii 40 boodaa umnaa Soolaaraa ykn umna aduu irraa argatuu akka argachuu hin dandeenyee ta’un isa beekameera. Rakkin kunis kan irraa gahame erga rooketiichii furgugaa’ee Saatii 7 boodaa akka ta’e ibsameera.
Rakkinni kunis akka rookeetichii tasgabiidhaan handhuura ji’aa irra qubatu waan hin taasifneef ergamni rookeetichaa akka fiixaan bahuu hin dandeenye beekameera.
Dhaabanii Astroorobotiks rookeetii kana tolchee gara ji’aatti erguudhaaf dhaabata qorannaa hawaa kan Yunaayitid Isteets ykn NASA wajjin waligaltee doolaara miliyoonii 100 fi miliyoonii Saddeet tolfachuun isaas gabaasameera.
NASAn dhaabatoonni dhuunfaa lama akka rookeetii ji’a irra qubatuu hojjatanuu fi erganuu waligaltee kan malateesase yemuu ta’u, rookeetiin dhaabataa dhuunfaa lammataa ji’a dhufu keessa akka gara ji’aatti ergamu karoorfamee jira.
Yunaayitid Isteets yeroo dhumaatiif rookeetii Appoloo 17 jedhamuun ji’a irraa qubachuuf kan yaaltee ji’a muddee bara 1972 ta’uun isaa ni yaadatama.
Forum