Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaa Keessatti Lammiwwan Miliyoona 4 Tahaniif Gargaarsi Nyaataa Hatattamaa Akka Barbaachisu Himame


UN and Ethiopia Disaster Risk Management Commission
UN and Ethiopia Disaster Risk Management Commission

Itiyoophiyaa keessatti lammileen biyyatti gara Miliyoona 4tti hiiqan, gargaarsii nyaataa kan hatattamaa kan isaan barbaachisuu ta’u, mootummaa fi Tokkummaan Mootummootaa ibsa waloo baasaniin beeksisanii jiru.

Angawoonni bulchiinsa naannoo Tigraayii fi Amaaraa garuu, ibsii ba’e kun haala waliigalaa biyyatti keessaa fi rakkoo jiruu hangam akka ta’e kan agarsiisuu miti jedhu.

Komiishiinni hoggansa yaaddoo balaa kan Feedeeraalaa fi Itiyoohiyaatti waltaasiftoonni gargaarsa namoomaa kan Tokkummaa Mootummootaa , dhiyeessii gargaarsa namoomaa kan yeroo ammaa ilaalchisuun walii wajjiin ibsa baasan.

Komishiinar Shiferraaw Takle Maariyaam har’a sabaa himaaf akka ibsanti, Biyyatti keessatti balaa nam-tolchee fi uumamaan caama mudateen bulchiinsa naannoolee 5nii keessatti, lammiwwan Miliyoona 4tti dhiyaatan gargaarsa nyaataa kan hatattamaatu isaan barbaachiisa jedhan.

Caamaan kanneen miidhaman jechuun kan maqaa dhahaaman bulchiinsa naanno Afaar, Amaaraa, Tigraay, Oromiyaa, Kibbaa fi Kibba dhiya biyyatti ta’uun ibsamee jira.

Komiishiinar shifarraaw kan jedhan iyyu. Komishinarri dame Tigraay Dr. Gabra Hiwoot Gabra Igzaabeer garuu, Tigraay keessatti gareen mootummaa fi dhaabattoota kan mootummaa hin ta’iin irraa walitti dhufee, qorannaa gaggeessanii baatii dabree ifa taasisaniin, Tigraay keessatti kanneen gargaarsii nyaataa kan hatattamaa isaani barbaachiisu, isa sadarkaa guutuummaa biyyaatti himamee kana caala jedhan.

Yunivarsiitiin Dabaarq baatii Onkoolooleessa dabree aanaalee xallamt yaddaa fi Jaanaa mooraa keessatti sababaa beelaan namnii 36 du’uu fi beeleedaaleen kum 72 caalaan dhumuu ifa taasisee ture.

Godiina bulchiinsa saba wahmraa keessattis sababaa beelaan namoonni 6 du’u fi beeleedaaleen kuma 10 olii du’u aangawoonni naannoo dubbachuu isaanii voan gabaasaa ture.

Komishiinara Shifarraaw Tale Maariyaam dhiyeenya kana oduu gabaastoota biyya keessaaf akka ibsanti, sababaa beelaan itiyoophiyaa keessatti namnii akka hin dune ibsan jechuun Asteer Misgaanaaw Baahir Daar irraa gabaastee jirti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG