Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hidhattoonni Huttii Kan Yaman  Keessaa Haleellaa Haaraa Galaana Diimaarratti Geggeessan


Yemen
Yemen

Finciltoonni Huuttii kanneen Yaman keessaa, diroonii fi misaa’eloota heedduu gargaaramuun doonii Galaana Diimaa keessa jiran irratti qiyyaafachuun dhukaasuun isaanii, humni galaanaa Ameerikaa fi Biriteen galaanaa guddaa irratti akka haleelanii kuffisan dirqisiiseera jechuun qondaaltonni har’a ibsaniiru. Miidhaan dhaqqabee garu battalumatti hin gabaafamne.

Haleellaan riphxeelooltoota Huuttii, Iraaniin deeggaramuu kun kan raawwatame, duula waraanaa Israa’el Hamaas irratti Gaazaa keessatti geggeessitu dhaabuuf kan kaayyeffate ta’uu himuun golli naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummootaa Roobii har’a balaaleffannaa fi hatattamaan akka dhaabbatu gaafachuuf karoorfamee osoo jiruu .

Ajajni Giddugaleessaa kan waraana Yunaaytid Isteetis akka jedhetti “haleellaan walxaxaa” Huuttiin raawwatame kun, Diroonii boombii fe’an, misaa’ela Kiruuz kan farra doonii fi misaa’ela Baalistook kan farra doonii of keessaa qaba.

Dirooniin 18, misaa'eloonni kruuzii lamaa fi misaa'ela farra doonii rukuutamuu isaaniis ibsameera.

Gama kaaniin Wixineen murtii Yunaaytid Isteetis Kibxata kaleessaa galgala dhaabbatii oduu The Associated Press argate kun akka jedhutti, yoo xiqqaate haleellaan Huutii kurnootaan lakka’amuu daldala addunyaa gufachiisaa, mirgaa fi bilisummaa sochii sarbee nagaa fi nageenya naannoo kan miidhu” jedha.

Murteen kun, dooniin fe’umsaa Jaappaan kan jalqaba Huutiin haleelamtee, Gaalaaksii Liidar hidhata dhaabbata Israa’el qabdu, hojjettoota ishee waliin sadaasa 19 qabamte hatattamaan akka gadhiifamu gaafata.

Tokkummaa Mootummootaa Roobii har’a balaaleffannaa fi haleellaan jarreen Huttii hatattamaan akka dhaabbatu gaafachuuf jira jedhamee eegama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG