Ministirri Dhimma Alaa Yunaaytid Isteetis Antonii Blinkeen Roobii har’a pirezidaantii Falasxiinootaa Mahmuud Abbaas waliin kan wal argan yoo ta’u, kunis hoggantoota Israa’el waliin waldhabdee Israa’el fi Falasxiinoota gidduu kan yeroo dheeraaf ture furuuf mala sadarkaa naannoo sanaa irraaa argamuu irratti eega mari’atanii guyyaa tokko booda.
Blinken Kibxata kaleessaa akka jedhanitti, Falasxiinonni Gaazaa keessa jiraataa turanii achii godaanan akkuma haalli hayyameen gara biyyaatti deebi’uu danda’uu qabu jedhan. Israa’el gareen Tokkummaa Mootummoota haala Gaazaa gama kaabaa isa waraanaan miidhame keessa jiru, akka madaaluuf hayyamuuf walii galteetti.
Dippilomaatii olaanaan kun hoggantoonni Israa’el miidhaa dabalataa lammiilee nagaa kan Falasxiin irra gahu akka ittisan illee dhaamaniiru.
Blinken akkasuma, waa’ee dhaddacha dhuma torban kanaa Mana Murtii Haqaa Idil-addunyaa duratti, dhimma Afrikaan Kibbaa Israa’el duguuggaa sanyii Falasxiinota irratti raawwatte jechuun himatte irratti dubbataniiru.
"Israa'el irratti Mana Murtii Haqaa Idil-addunyaatti himanni dhiyaate, addunyaan tattaaffii barbaachisoo kan nagaa fi nageenya kutaa Sanaaf tattaafii gochaa jiru danqaa jennee amanna kan jedhan Bliinken, Kana malees, himannaan duguuggaa sanyii bu'aa hin qabu jedhan. Keessattuu warri haleellaa raawwatan yoo ilaalle baay'ee nama gaddisiisa." Israa'el - Hamaas, Hizbullaah, Huuttii, akkasumas deeggartuu isaanii Iraan - Israa'el akka dhabamsiifamuu fi Yihudoota jumlaan akka ajjeefamuuf ifatti waamicha dhiyeessuu itti fufaniiru jedhan."
Kibxata kaleessaa Blinken hoggantoota Israa’el waliin Tel Aviv keessatti mari’ataniiru.
Forum