Gumiin Paartilee siyaasaa Ityoophiyaa keessa jiranu waligalitee mootummaan Ityoophiyaa ulaa galaanaa fi buufata doonii ilaalchisee kutaa Somaalii laandii wajjin taasise akka deggeran ibsanii jiru.
Paartiileen siyaasaa kun waligaltichaa irratti ergaa marii ballaa taasisanii boodaa, akka waligaltichii ojii irraa oluu fi bu’a qabeessan ta’u gahee isaanii kutannoodhaan bahuudhaaf akka murteessan dura taa’an tummsaa dhaabilee siyaasaa obbo Dastaa Dinqaa Ibsanii jiru.
Marii kana irratti kan hirmaatan paartiilee 60 keessaa 49 galmee waligaltee sana irratti mootummaa wajjin ijjannoo walfakkatta akka agarsiisan kan ibsan dura taa’an gumii paartiilee mormitootaa, waligalticha hojii irraa holchuudhaaf yaadawwan dabalata barbaachisans dhiheesuu isaanii dubbataniiru.
Waligaltee kana ilaalchisee tibbana ibsa kan baasee Paartiin Adda Bilisummaa Oromo/ ABOn waligaltee mallateeffamee kana hordofuudhaan mudamnii mootummaa Somaliyaa fi Itiyoophiyaa gidduutti mulachaa jiru walitii bu’inssa umuu danda’a jechuudhan akka isa yaaddesee beeksiseera.
Dhaabbanni haawassalee Oromuu idilee adduunyaa of jalaa qabu OLLAAn gama isaatin, waligaletee kanaan walqabatee baqattootaa Oromoo Somaaliyaa keessa jiran irratti ololli jibbinsaa midiyaalee hawaasaa irratti gama biraatii baldhinaan adeemaa jiru akka isa yaddeese ibsee jira.
Karaa biraatii Yunaayitid Isteetsti kan argamu koreen dhimmaa ummataa kan lammiilee Amerikaa hidda dhaloota Ityoophiyaa qabanii fuulaa midiyaa hawaasaa “X” ykn Tuwuutari irratti ibsa baaseen waligaltichaa akka mormu ibsuun isaa beekameera. Akka koreen kun jedhetti waligaltichii walitti bu’insaa naannoo kan umuu danda’udha.
Waligaltee Ityoophiyaa fi Somaali laand gidduuti malateefame seeraan alla akka ta’e kan ibsaa jiru mootummaan Somaaliyaa deggersaa biyoottan alaa gaafachuuf carraqaa jiraachuu isaa gabaasni kenedii Abatee Finfinnee irra ergee ibsee jira.
Forum