Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sababaa Caama Hamaatiin Jiraattonni Aanaalee Jaanaamooraa fi Xellemti Ka Naannoo Amaaraa Qehee Isaanii Gad-Lakkisanii Dheessaa Jiru


OCHA
OCHA

Sababa hongeetiin kan ka’e naannoo bulchiinsa Amaaraa keessa kan jiran namoonii kuma 4 ol qe’ee isaanii gadi lakkisanii godaanuun isaanii ibsamee jira.

Daabbata mootumoota gamtoomanitti jaarmiyaan qindeesa gargaarsa namoomaa OCHAn ibsa kaleessa baaseen akka beeksisetti, godina Gondor kaabaa aanalee hongeen keessatti muudate Jaan Amooraa fi Xelemt keessaa jiraachaa kan turan namoonni kuma Afurii ol ta’an beelladootaa isaanii kuma 100 fi kuma 73 ta’anuu wajjin qe’ee isaanii gadi lakkisanii godaanaa jiru.

Balaa hongee kanaan beelladoonni manaa kuma 86 ta’an akka du’an kan dabalee ibse dhaabbanni mootumoota gamtoomanii kun, aanaa Xallamtii fi Jaan Amooraa dabalatee ijoollewwan miiliyoonii 2.5 ta’an baruumsaa dhaabanii jiru.

OCHAn dhimmaa beelaa kanaan walqabatee gabaasa ji’a darbe keesaa baaseen naannoo Amaaraa keessatti namoonni miiliyoonii 2 .8 rakkin nyaataafi akka saaxilaman ibsee, kanneen keessaa deebii mootummaa kan argachuu danda’an dhibeentaa 25 qofa akka ta’an beeksiseera. Akka Akka walii galaatti namoottan godinaalee Sadeetti keessa jiran kuma 700 fi kuma 13 balaa beelaatiif saaxilamanii jiraachuu isaanii OCHAn hubachiiseera.

Jarmiyaaleen gargaarsaa mootummaa Itiyoophiyaa fi kan mootumoota gamtoomanii waa’ee gargaarsa namoomaa yeroo amma barbaachisu ilaachisee ibsa guyyaa kaleessa waloodhaan kennaniin, naannoolee biyyyatti Shan keesaa kan jiran namoonni miiliyoonii Afur ta’an gargaarsii nyaataa atattamaan akka isaan barbaachisu akka ibsanii gabaasamee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:57 0:00
More
XS
SM
MD
LG