Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tigraay Naannoolee Caamaan Miidhaman Keessatti Bara Kuma 200 Ol Tahan Nyaata Dhabuun Ka Barnoota Dhaabuurra Gahan Tahuun Himame


Tigraay Naannoolee Caamaan Miidhaman Keessatti Bara Kuma 200 Ol Tahan Nyaata Dhabuun Ka Barnoota Dhaabuurra Gahan Tahuun Himame
Tigraay Naannoolee Caamaan Miidhaman Keessatti Bara Kuma 200 Ol Tahan Nyaata Dhabuun Ka Barnoota Dhaabuurra Gahan Tahuun Himame

Bulchiinsa naannoo Tigraay keessatti rakkina hanqina nyaataa muudachaa jiruun barattoonni kuma 200 fi kumni 30n baruumsaa isaanii adda kutuudhaaf akka jiran haanga’onni sagalee Amerikaati himanii jiru.

Bulchaan aanaa Iroob Obbo Iyaasuu Tesfaay akka sagalee Amerikaatti himaniiti rakkinaa beelaa aanicha muudhaateen bara kana keessa barattootaa baruumsaaf galmaa’uu qaban kuma Torbaa fi 600 keessaa kan galmaa’uu danda’an kuma Afurii fi 101 qofa.

Anicha keessatti sabab beelaan walqabateen namoottan 63 du’uu isaanii kan ibsan bulchaan aanichaa, mannoottan barnootaa aanicha keesaa jiran 47 keessaa 24 ammayyuu too’annaa waraana Eertiraa jala akka jiran ibsaniiru.

Aana Atsibii keessatti immoo sababa wal waraansaa fi beelaatiin kan ka’e barattoonni kuma 10 ta’an mana baruumsaati alla ta’uu isaanii bulchaan anichaa sagalee Amerikaatti himanii jiru.

Itti gaafatamaan biiroo barnootaa bulchiinsa naannoo Tigraay Dokteer Kiroos Gu’ish, dhimma kana irratti ibsa sagalee Amerikaatiif kennaniin, aanaawwan beelli muudaate 36 keessaa kan jiran barattoonni kuma 200 fi kuma 23 baruumsaa isaanii dhaabuudhaaf jiru.

Baraattoonni kun akka baruumsa isaanii hin dhaabne gochuudhaaf mana barnootaa keessaati akka waan nyaatan argatan taasisuun barbaachisaa akka ta’e kan ibsamee yemmuu ta’u, sagantaa baratootaa mana baruumsaa keessatti nyaachisuu kana ojii irraa olchuudhaaf amma ji’a waxabajjii dhufuutti doolaarri miiliyooniin 6.5 akka barbaachisu itti gaafataman biiroo barnootaa naannoo Tigiraay ibsanii jiru.

Naannoo Tigraay fi Amaaraa keessatti balaa hongeetiin kan ka’e, hanqinni nyaataa jiraachuu isaa kan ibsee dhaabbata mootumoota gamtoomanii jaarmiyaan qindeesaa gargaarsa namoomaa OCHAn naannoo Tigraay keessa kan jiran manoottan baruumsaa 105 namoottan sababa wal waraansaatiin qe’ee isaanii irraa buqa’aniin qabamanii jiraachuu isaani akka ibse Mulugeeta Atsibahaa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG