Xurree ittiin seenan

Breaking News

Isiraa'el Humna Qilleensaa fi Lafoodhaan Gaazaa Giddugalaa fi Kibbaa Irratti Haleellaa Geggeessite 


Smoke rises following an Israeli bombardment in the Gaza Strip, as seen from southern Israel, Jan.7, 2024.
Smoke rises following an Israeli bombardment in the Gaza Strip, as seen from southern Israel, Jan.7, 2024.

Waraanii Israa’eel kamisaa har’aa walakeesaa fi kibba Gaazaa keessatti haleellaa xiyyaaraa fi waraana lafootiin raawatee jira. Haleelaa halkan keessa taasifame kanaan namoottan hedduun ajjeefamuu isaanii ministeerii fayyaa kutaa Gaazaa ibsee jira.

Akka ministeerri fayyaa Gaazaa inni Hamaasin bulchamu jedhetti haleellaa xiyyaaraa waraana Israa’eln raawwate kanaan, magaalaa kibbaa Gaazaatti argamu Kahaan Yuuniis keessatti moottan 60 ol du’uu isaanii ibsee jira.

Haleellaa kana kan raawwate waraanni Israa’el magaala Kahaan Yunis keessaati boollaa lafa jalaa Hamaasiin hojjatamee fi bakkaawwaan namoottan umnaan butamanii fudhataman itti hidhamanii turaan akka Gaazexessoonni daawwatan taasisuun isaa beekameera.

Ministeerri fayyaa gaazaa haleellaa waraana isiraa’eliin kan ka’e amma ammaatti lammiileen paalastaayin kuma 23 fi 300 du’uu isaanii fi miiliyoonii 2.3 kan ta’an immoo jireenyaa isaanii irraa akka buqqa’an yemmuu ibsaa jiru kanatti, dhaabbanni fayyaa adduunyaa gaazaa keessatti gargaarsaa fayyaa taasisuun akka rakkisaa ta’ee ibsee jira.

Darekteerri dhaabbata fayyaa adduunyaa Dr. Tewodiroos Adihaanoom roobii kaleesaa akka ibsanitti, dhaabileen gargaarsaa qormaata cimaa keesaa galanii jiru.

Dokteer Tewodiroos itti dabaluudhaan, “ waan gargaarsaaf ta’u qabna, namoottan gargaarsichaa raabsanuu fi karoora qabna. Kan nutii dhabnee haala gargaarsicha akka raabsiinu nu gargaaruudha.”

Israa’eel akka raabsa gargaarsa namoomaa mijeesituus darekteerri fayyaa adduunyaa gaafachuu isaanii gabaasameera.

Gabaasa biraatiin, Israa’el lammilee Paalastaayin irratti yakka waraanaa fi duguuggaa sanyii raawwateetti jechuudhaan himannan biyyi Afrikaa kibbaa manna murtii yakka adduunyaa Ze Heeg ti argamuu irraatti dhiheesite kamisaa Har’aa ilaaalamuu akka jalqabee gabaasameera.

Himannaa Afrikaa kibbaa irraa dhihaate kana Yunaayitid Isteets fi Israa’el jabeessanii mormanii jiru.

Dhimma kana irraati kan ibsa kennan minisreerri dhimma alaa mootummaa Yunaayitid Istees Antoonii Blinken, warri Israa’el irratti duulaa jiran — Hamaas, Hizbullah, Huuttis, akkasumas deeggartuun isaanii Iraan — Israa’eln balleessu fi ajjeechaa jumlaa Yihudoota irratti raawwachuuf waamicha dhiyeessuun itti fufuu isaanii yoo ilaalle,waan nama arsuudha,” jedhaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG