Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromiyaa Keessatti Dhibee Gifiraa Namoota Hedduu Qabe To’achuuf Talaaliin Kennamaa JIra Jedhamus Jiraattonni “Tallaalichi Gahaa Miti”, Jedhu


Oromiyaa Keessatti Dhibee Gifiraa Hedduu Qabe To’achuuf Talaaliin Kennamaa Akka Jiru Himamus, Jiraattonni “Tallaalichi Gahaa Miti”, Jedhu
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:16 0:00

Oromiyaa Keessatti Dhibee Gifiraa Hedduu Qabe To’achuuf Talaaliin Kennamaa Akka Jiru Himamus, Jiraattonni “Tallaalichi Gahaa Miti”, Jedhu

Naannoo Oromiyaa godinaalee gara garaa rakkoo naageenya qabaan keessatti weerara dhibee gifiraa mudate to'achuudhaaf hojjetamaa akka jiru Biiroon Fayyaa Oromiyaa ibseera. Naannichatti godinaalee 7 fi bulchiinsa magaalaa tokko keessatti bifa duulaan talaalliin dhibee gifiraa kennamaa akka jiru qindeessaan talaallii biiroo fayyaa Oromiyaa obbo Baqqaanaa Toleeraa Sagalee Ameerikaatti himanii jiru. Jiraattonni godinaalee Qellam wallaggaa fi Arsii lixaa irraa Sagalee Ameerikaaf yaada kennan akka jedhanitti talaalliin kennamaa jiru gahaa miti,lakkoofsi daa'imman dhibee kanaan miidhamaniis hedduu dha jechuun ibsaniiru. Akka ragaan biiroo fayyaa Oromiyaa irraa argame ibsutti namoonni 7800 ol dhibee kanaan qabamaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG