Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waldaan Fannoo Diimaa Itiyoophiyaa Hojjetaan Isaa Tokko Naannoo Tigiraay Keessatti Ajjeesamuu Beeksisee Jira 


Waldaan Fannoo Diimaa Itiyoophiyaa Hojjetaan Isaa Tokko Naannoo Tigiraay Keessatti Ajjeesamuu Beeksisee Jira 
Waldaan Fannoo Diimaa Itiyoophiyaa Hojjetaan Isaa Tokko Naannoo Tigiraay Keessatti Ajjeesamuu Beeksisee Jira 

Hojjetaan waldaa Fannoo diimaa bulchiinsa naannoo Tigiraay aanaa Imbaasneeyitii keessatti namoota hin beekamneen ajjeefamuu waldichi beeksiise. Godina gidduu galeessaa aanaa Imbaasneeyiititti Konkolaachisaan Ambulaansii Fannoo diimaa Obbo Walduu Areegaawwii Barhee Amajjii 1 bara 2016 halkan keessaa naannoo sa’aatii shaniitti haadha da’umsaaf ciniinsuun qabeeru fe’ee osoo deemuu bakka addaa ganda Addii Gudeem jedhamutti namoota hin beekamneen rasaasaan rukkutamee madaa’uun gara mana yaalaatti osoo geessamaa jiruu lubbuun isaa darbeera jechuun waldaan Fannoo diimaa beeksiiseera.

Waldaa fannoo diimaa Itiyoophiyaatti hooggannaan tajaajila Komuunikeeshinii Sagalee Ameerikaaf yaada kennaniin gochaa balaaleffatamu qabau jedhaniiru.

Bulchaan Aanaa Imbaasneeyitii Obbo Kidanemaariyaam Suraafeel Ajjeechaa raawwatamu hin qabnee fi dogoggora jedhanii waldaa fannoo diimaa Itiyoophiyaas dhiifama gaafataniiru.

Hanga Jimaata har’aa Amajjii 3, bara 2016 ttis namoonni Ajjeechaa kanaan shakkaman to’annaa jala akka hin oolfamiin kan ibse bulchaan aanichaa dhimmichi hordoffii seeraa jala akka jirus ibsaniiru jechuun Maqaleerraa Muluugeeta Atsbhaatu gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG