Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Ergamtuun Addaa Biyyoota Gaanfa Afrikaa Hannaa Teeteh Itiyoophiyaa Daawwate


FAAYILII:-Tokkummaa Mootummootaatte ergamtuu addaa biyyootii Gaanfa Afriikaa Hannaa Teeteh
FAAYILII:-Tokkummaa Mootummootaatte ergamtuu addaa biyyootii Gaanfa Afriikaa Hannaa Teeteh

Itti aantuu hooganaa ol aanaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii fi dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti ergamtuun addaa biyyoota gaanfa Afirikaa har’a Itiyoophiyaatti dee’eetaa ministira haajaa alaa kan ta’an Ambaasaddar Misgaanuu Araggaa waliin gaanfa Afirikaa keessatti jijjiiramoota mul’achaa jiran irratti marii’ataniiru. Dhimmota nageenyaa, diinagdee fi Gaanfa Afirikaa iratti jijjiiramoota mul’achaa jiran irratti marii ifa ta’e Ambaasaddar Misgaanuu Araggaa waliin taasisuu isaanii dhaabata mootummoota gamtoomaniitti ergamtuun addaa biyyoota gaanfa Afiriikaa kun fuula miidiyaa hawwaasaa isaanii isa “X” jedhamu irratti ibsaniiru.

Walii galtee wal hubannaa Somaalii landii fi Itiyoophiyaan wal mallatteessan hordofee gaanfa Afirikaatti waantoota mul’achaa jiran irratti mari’achuu fi dhiisuu isaanii garuu waanti ibsu hin jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG