Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaa Keessatti Hambaaleen Badisa Irraa Eeguuf Qooda Fudhattoonni Akka Marii Taasisan Waldaan Arktekcharootaa Gaafate 


Itiyoophiyaa Keessatti Hambaaleen Badisa Irraa Eeguuf Qooda Fudhattoonni Akka Marii Taasisan Waldaan Arktekcharootaa Gaafate 
Itiyoophiyaa Keessatti Hambaaleen Badisa Irraa Eeguuf Qooda Fudhattoonni Akka Marii Taasisan Waldaan Arktekcharootaa Gaafate 

Pireezidaantiin waldaa Arkiteekcheerootaa obbo Habataamuu Geetaachoo sagalee Ameerikaaf yaada kennaniin Itiyoophiyaa keessatti Hmabaaleen ijaarsootaa akka hin badneef qaamooleen qooda fudhattoottaa marii’achuu qabau jedhan. Magaalaa Finfinneetti naannoo Meeksikoo jedhamuun beekamu Hoteela Wabee Shabalee cinaatti kan argamu gamoon Loombaardiyaa diigamuu kan morman pireezidaantii waldichaa , gamoowwan durii seenaa qabeessa ta’an akkasii yommuu diigaman hawwasni seenaawwan baay’ee fi hawwaasummaa isaa dhaba jechuun ibsaniiru. Fedhiin misoomaa fi eegumsi hambaaleef taasifamu faallaa walii ta’aa dhufuu kan ibsan obbo Habtaamuun , misoomaaf jecha hambaalee kanneen diiguurra lamaan isaa wal cinaa deemsiisuun haala danda’amu irratti furmaata kaa’uun barbaachisa jedhan.

Itiyoophiyaatti abbaan amaanaa eegumsa hambaalee , eegumsa hambaalee irratti hubannoon akka uumamu hojjechaa akka jiru ibsee , Gamoon Lombaardiyaa akka hin diigamneef mana murtiitti falmaa turuu ibsee dhumarrattis Gamaichi tarree hambaalee ijaarsaa keessaa haqameera jedhammuun diigameera jedhan Obbo Maaqooyya Maammoo hojii gaggeessaan Abbaa Amaanaa eegumsa habaalee Itiyoophiyaa.

Abbaan Taayitaa eegumsa Habaalee Itiyoophiyaatti Daarikteera ol aanaa kan ta’an Obbo Abeebawu Ayyaaleew gamoon Loombaardiyaa ulaagaa hambaaleef keessaa dhibbeentaa 38 qofa kan guutee fi Gamoon tokko hamaablee jedhamee galmaa’uuf ulaagaawwan taa’an keessa dhibbeentaa 50 fi isaa guutuu qabas jedhaniiru jechuun Finfinneerraa Gabire Mikaa’eel Gabire Medihiinitu gaabaase

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG