Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis, Biriteenii fi Humnoonni Waloo Biroon Haleellaa Hidhattoota Hutii Yemen Keessaa Irratti Haleellaa Raawwachuu Dubbatan 


Yunaayitid Isteetis, Biriteenii fi Humnoonni Waloo Biroon Haleellaa Hidhattoota Hutii Yemen Keessaa Irratti Haleellaa Raawwachuu Dubbatan 
Yunaayitid Isteetis, Biriteenii fi Humnoonni Waloo Biroon Haleellaa Hidhattoota Hutii Yemen Keessaa Irratti Haleellaa Raawwachuu Dubbatan 

Yuunaayitid Isteetsi, Biriiteenii fi humnoonni waloo biroon Haleellaa garee hidhattoota Huutii irratti fudhataniin bakkoota Ajaja isaanii dabalatee loltoota isaanii ajjeesuu beeksiisan.

Gareen hidhattoota Huutii kan Iraaniin deeggaraman halleellaa irra deddeebbiin galaana diimaa irratti dooniiwaan idil addunyaarratti fudhataniif deebii kan ta’u Yuunaayitid Isteetsi, Biriiteenii fi michoonni isaanii tarkanfii qilleensarraan fudhanne jedhaaniin bakkoota ajajaa garee Huutii dabalatee mancasuu isaanii ifoomsaniiru. Humni Ajaja waraanaa gidduu galeessaa Yuunaayitid Isteetsi Kamisa kaleessaa akka beeksiisetti halleellaawwan wal duraa duubaan garee hidhattoota Huutii kan Yemen keessa jiranirratti fudhatameen , kallattii isaanii kan eeggatan halleellaawwan 60 bakkoota ajajni garee Huutii itti kennamu 16 irratti tarkaanfii fudhatameera jedhan. Tarkaanfii halleellaa fudhanne kanaanis Kuusaalee meeshaalee waraanaa , bakkoota isaan irraa furguggisan fi dhaabbilee oomishoota isaanii barbadeessineerras jedheera.

Qondaalli humna waraanaa Yuunaayitid Isteetsi tokko kan maqaan isaanii akka dhahamu hin barbaadne Sagalee Ameerikaatti akka himanitti halleellaa amma Huutii irratti fudhatameen Raadaarii isaanii dabalatee humna ittisa qilleensaa isaaniis rukkunneera kana booda deebi’anii haleellaa hin raawwatan jedhaniiru.

Dubbii himaan garee hidhattoota Huutii akka himettimmoo halleellaa qilleensarraan isaan irratti fudhatameen loltoonni isaanii Shani du’uu fi kanneen ja’a ta’an madaa’uu mirkaneessee bakkoota haleellaan itti raawwatame garuu hin ibsine.

Halleellaa Yuunaayitid ISteetsii fi Biriiteen waliin garee Huutii irratti fudhatan kana biyyoota kanneen akka Awustiraaliyaa, Kanaadaa, Neeaerlaandii fi Baahireenis gargaaraniiru jedhameera.

Pireezidaantiin Yuunaayitid Isteetsi Joo Baayideen Ibsa Kamisa kaleessaa galgala kennaniin Halleellaan garee Huutii irratti raawwatame deebii gareen kun galaana diimaarratti dooniiwwan idil addunyaarratti fudhachaa tureefi jedhanii , Halleellaa xiyyeeffannoo qabu , Ameerikaa fi michoonni ishee halleellaa hojjettoota keenyarratti raawwatamu obsuu akka hin dandeenyee fi diinummaa dooniiwwan

daldalaa Idil addunyaa murteessoo ta’an bilisaan akka hin sochoone taasisan irratti tarkanfii fudhachu keenyaa fi erga ifa ta’edha jedhaniiru.

Muummichi ministiraa Biriiteen Rishii Sunaak halleellaa gareen Huutii dooniiwwan irratti fudhatu kan balaaleeffatan Kamisa kaleessaa xiyyaaroonni waraanaa isaanii halleellaa Huutii irratti fudhatame irratti hirmaachuu isaanii mirkaneessaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG