Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paartiileen Mormii Siyaasaa Lama Waliigaltee Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa fi Somaaliilaand Mallatteessan Ka Deggeran Tahuu Beeksisan 


Ethiopia Somalian agreement
Ethiopia Somalian agreement

Hooggansa dhaaboolii siyaasaa mormitootaa Izeemaa fi Paartii Dimokiraatawaa hawwaasummaa Itiyoophiyaa walii galtee wal hubannaa Somaalii landii fi Itiyoophiyaa gidduutti mallattaa’e akka deeggaran himan.

Itti Aanaan dhaaba siyaasaa Izeemaa obbo Yohaannis Mekonniin Sagalee Ameerikaaf akka ibsanitti Itiyoophiyaan Hulaa galaanaa argachuun Imaammata dhaaba keenyaa isa ijoodha jedhan. Haaluma wal fakkaatuun itti aantuu dura ta’aa dhaaba dimokiraatawaa hawwaasummaa aadde Raaheel Bafee Imaammata dhaabni isaanii baafatee ittiin socho’u keessaa warra murteessaa jedhaman keessaa dhimmi hula galaanaa isa tokko jedhaniiru. Dhimma hula galaanaa Itiyoophiyaan argachuuf deemtu kan Somaalii land waliin walii galtee wal hubannaa mallatteessite ilaachisuun dhaabolii siyaasaa biyya keessaaf gorsaan nageenyaa muummicha ministiraa Ambaasaaddar Reediwaan Huseen akka ibsaniif kan eeran Aadde Raaheel, gama dhaabolii mormitootaanis mootummaan wal dhabdee siyaasaa biyya keessa jiru karaa nagaa hiikuun biyyattiin gara tokkummaatti akka dhuftu taasiisu akka qabaatuuf waamicha dhiyyeessineerras jedhan.

Gabaasa keenya kanaan duraa irratti dhaabni Adda Bilisummaa Oromoo “ABO” ‘n ibsa gaafa Amajjii 7 bara 2024 baasee tureen walii galtee wal hubannaa Somaalii landii fi Itiyoophiyaa gidduutti mallatta’e hordofee muddama uumamee jiruun nageeny baqattoota lammiilee Oromoo akkasumas kan Itiyoophiyaa Somaaliyaa keessa jiran na yaaddeessa jedhee, yeroo jeequmsi siyaasaa ho’aa ta’ee jiru kanatti walii galtee kanarratti kanneen qooda fudhatan hundi tasgabbii fi wal hubannaa akka socha’an , akkasumas qaamni lachuu tarkaanfii miira irratti hundaa’e irraa akka of qusatan jedheera. Muddamni uumamee jiru kunis karaa nagaa akka hiikkatuuf hawwaasni Idil addunyaa dhiibbaa akka taasisuuf waamicha dhiyyeessee ture.

Gama biraatiin Pireezidaantiin bulchiinsa naannoo Somaalii Obbo Musxafaa Muhaammed Omar addatti gaaffi deebii televilizhinii Itiyoophiyaa kan biyyaaleessaa irratti kennaniin walii galtee wal hubannaa Itiyoophiyaa fi Somaalii landi gidduutti mallatteeffamerraa qaamni ykn biyyi kanaan miidhaan irra ga’u hin

jiraatu jedhanii , naannicha keessattis walii galtichi uummata biratti fudhatama guddaa argateera jedhan jechuun Finfinneerraa Keneedii Abaateetu gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG