Lammiileen Ameerikaa waggaa waggaan Ji’a Amajjii Guyyaa wiixataa isa Sadaffaa guyyaa yaadannoo qabsaa’aa mirga dhala namaa kan ta’e Maartiin Luuteer Kiing akka biyyaaleessaatti kabaju. Wiixata har’aa kanas guutummaa biyyattii keessatti guyyaan Kun kabajamaa oola.
Kabajni yaadannoo guyyaa qabsa’aa mirga namaa Maartiin Luuteer King Juniiyeer wiixata har’aa Yuunaayitid Isteetsi keessatti Agarsiisoota, tajaajiloota kadhannaa fi hojiiwwan tola ooltummaan kabajama.
Pireezidaanti Joo Baayideen kabaja yaadannoo guyyaa kanaaf gara Filaadeelfiyaatti imaluun dhaabbaata namoota beela’aniif gargaasa kennu deeggaruuf garasitti imalaniiru.
Itti aantuun Pirizidaantii Kamalaa Haaris immoo gara Kibbaa Karoolinaatti imaluun masaraan mootummaa Ameerikaa Waayiit Haawus namoonni sagalee isaaniitti fayyadamuun haqaa fi halleellaa bu’uura bilisummaa irratti raawwatu mormuu akka itti fufan kan jajjabeessu ta’uu haasaa ni taasisu jedhameera.
Dhaabbannii mootummaa Yuunaayitid Isteetsi AmeeriiKorpis jedhamuun beekamu dhaabbilee guyyaa yaadannoo Maartiin Luuteer kiing akka biyyaaleessaatti kabajamu warra qindeessan tokko kan ta’e lammileen biyyattii guyyaa yaadannoo Maartiin Luuteer kabajamaa jiru kana sababeeffachuun piroojeektoota dhaabbilee hawwaasaa keessatti qooda akka fudhatan taasisaa jira.
Maartiin Luuteer Kiing hoogganaan qabsoo mirga namoota Siivilii bara 1950 taa fi 1960 taa keessa hiiriiraa mormii hookkaraan alaa, Addaan baafamuu kibbaa irratti mormuu, walqixuummaa warra gurraachotaa fi mirga filannoo irratti qabsoo taasiseen waggaa waggaan ji’a Amajjii wiixata isa Torbaan Sadaffaa irratti guyyaan yaadannoo isaa akka biyyaaleessaatti Yuunaayitid Isteetsi keessatti kabajama.
Forum