Israa’el Kibxata har’a kutaalee Gaazaa kaabaa fi kibba irratti haleellaa xiyyaaraa raawwachuu ishee kan gabaaste yoo ta’u, ministiroonni ittisa biyyattii marsaan cimaan waraana Israa’el Hamas waliin qabdu, yeroo dhiyootti akka xumuramu erga dubbatanii guyyaa tokko booda.
Raayyaan Ittisa Israa’el akka jedhetti haleellaan qilleensaa hidhattoota naannoo Shaati Kaabaa akkasumas Khan Younis keessa jiran irratti xiyyeeffate.
Loltoonni Israa’el hidhattoota kurnootaan lakkaa’aman ajjeesuu fi dhaabbilee rookkeettii gara 100 ta’an argachuu isaanii waraanni kun beeksiseera.
Haleellaan qilleensa irraa halkan tokkotti Libaanan kibbaa keessatti maadhee farra taankii Hizbullaah rukuteera, kunis lola daangaa qaxxaamuraa naannoo sanatti babal’achaa dhufuu sodaa uume keessaa isa dhumaa ta’uu ibsameera.
Siwiizarlaand keessatti, muummichi ministeeraa Qaxar furmaata waaraa kennuudhaaf yaadii biyyoota lamaa barbaachisaa ta’uu kan hubatan yoo ta’u, balaa waldhabdeen kun fidu babal’achuu isaa kaasuun isaanii ni yaadatama.
Sheek Mohaammad bin Abdulrahmaan Al Thani waltajjii Diinagdee Addunyaa Daavoos keessatti gaggeeffame irratti haleellaan waraanaa finciltoota Huuttii teessoo isaanii Yaman keessa jiraniin dooniiwwan Galaana Diimaa irratti raawwatamu otoo hin taanee, , kanaa mannaa barbaachisummaan dhimma giddu galeessaa bahaa waraana Gaazaa furuu irratti xiyyeeffachuu akka ta’e dubbataniiru .
''Wanti amma naannoo sana keessatti qabnu qophii nyaataa bakka hundatti dhaqqabsisuu dha,'' jedhu Sheek Mohaammad.
Ministirri Ittisaa Israa’el Yoav Gallant Wiixata kaleessaa gaazexeessitoota waliin yeroo dubbatan dhukaasa dhaabuu kan dhorkan yoo ta’u, Israa’el hojii waraanaa Gaazaa keessatti raawwattu guutummaatti dhaabuu hin dandeessu sababiin isaas Hamas dhiibbaa waraanaa malee namoota booji’aman kana booda gadhiisuuf walii hin galle jedhan
Gallant ''sadarkaan sochii cimaa'' waraanni Israa'el Gaazaa Kibbaatti gaggeessaa ture ''yeroo dhiyootti ni xumurama'' jedheera. Dhiheenya kana humni waraanaa hojii cimaa lafa irraa Gaazaa Kaabaa keessatti raawwachaa ture xumuruu ibsaniiru.
Forum