Sochiin hidhattoota Huutii kan Yaman keessaa haleellaa dooniiwwan naannoo irratti raawwatan cimsuuf erga dhaadatee booda, dhaabbati doonii Jaappaan Nippon Yusen Kibxata har’a, galaana diimaa keessa deemuu dhaabee jira.
Gareen Huutsii Iraan waliin michuu ta’e haleellaa Ameerikaa fi Briteen Yaman keessatti raawwatameef deebii kennuuf dooniiwwan Amerikaa dabalatee qiyyaafata isaa babal’isuuf doorsisuun isaa ni yaadatama.
Haleellaan Huuttii sadaasa irraa eegalee dooniiwwan naannoo sana jiran irratti raawwatame dhaabbilee irratti dhiibbaa uumeen, humnoota gurguddoos sodaachisaa jira.
kunis lola Israa’el hidhattoota Hamaas waliin Gaazaa keessatti ji’oota sadii ol taasifte of keessaa qaba. Gareen kun lammiilee Falasxiin waliin gamtaan socho'aa akka jiru dubbata.
Hidhata ykn caasaa dhiyeessii jeequu alattis, haleellaan kun qaala’iinsa jireenyaa addunyaa to’achuuf qaamolee imaammata baasan caalaatti rakkisaa taasisuu danda’a jedhamee sodaan jira.
Haleellaa torban darbe Yaman irratti banameen dooniiwwan Briteenii fi Ameerikaa ''xiyyeeffannoo seera qabeessa'' ta'aniiru jechuun dubbi himaan Huutsii Nasruldeen Amer Aljazeeraatti himaniiru.
Hidhattonni Huuttii kanaan dura dooniiwwan Israa’el ykn kanneen gara Israa’el imalan qofa akka haleelan dubbataniiru.
Ajajni Giddugaleessaa kan Yunaaytid Isteetis akka jedhetti, Haleellaa yeroo dhiyootti mul’ate kanaan, humnoonni Huutii Yaman keessa jiran, doonii waan goggogaa ta’e fe’uu kan Amerikaan qabdu fi hojjettu Gibraltar Eagle jedhamtu Wiixata kaleessaa misaa’ela farra doonii balistikiitiin rukutaniiru. Miidhaan qaamaa ykn miidhaa guddaan irra gahe hin jiru.
Doonii konteenaraa Galaana Diimaa gara Sulula Suuez, daandii fe'umsaa saffisaa Eeshiyaa irraa gara Awurooppaatti geessu irraa dhaabbachaa ykn karaa irraa maqsaa turaniiru. Doonii hedduun kanaa mannaa karaa dheeraa Afrikaa Kibbaa Keep of Good Hope keessa darbu fudhachuuf dirqamaniiru
Forum