Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Humna Waranaa Sudaan, Gurmuu Hoogganoota Afrikaa Bahaa, IGAAD Waliin Hariiroo Qabu Yeroof Addaan Kutuu Beeksise


Sudan's General Abdel Fattah al-Burhan
Sudan's General Abdel Fattah al-Burhan

IGAD, kan mootummicha waraanaa biyyattii lolaa jiru – hoogganaa waraana addaa yokaan RSF – Mohaammad Hamdaan Dagaaloo walga’ii isaatti afeeruu balaaleffachuudhaan kan mootummichi waraanaa Sudaan tarkaanfii kana fudhate.

Baatii sagal dura, lola waraana Sudaan idilee fi waraana addaa biyyattii – RSF jedhamu gidduutti jalqabee geggeessamee tureen, waraanni idilee lafa heddutti injifatamee yeroo gad-lakkisaa jirutti ture, hoogganichi humna waraanaa addaa – Mohammad Hamdaan Dagaaloo, biyyoota Afrikaa daawwachuu ka jalqaban.

Imala Dippiloomaasii isaa kana ka daran jabeessuu ammoo, gamtaan hoogganoota Afrikaa Bahaa – IGAD, walga’ii isaa Kamisa, Amajjii 18,2024 Yugaandaa keessatti geggeeffachuuf karoorfate irratti akka argaman afeere. Hamdaan Dagaaloos afeerra sana simatanii jiru.

Egaa tarkaanfii kana tu Ministara dhimmi alaa Sudaan kan hoogganaa waraanaa biyyattii – Abdelk Fettaa Al-Burahaaniif amanamoo tahanii fi hooganichi Jeneraal Al-Buraan akka motummaan isaanii hariiroo isaa yeroof IGAD akka kutate akka labsan taasise.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG