Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tigraay Keessatti Fayyaan Harmoolii Walii Galtee Nagaa Booda Jijjiirraa Agarsiisuus Daran Fooyya’uu Akka Qabu Ibsame


Tjaajili fayyaa harmoolii Tigraay Akka fooyyeffamu ibsae
Tjaajili fayyaa harmoolii Tigraay Akka fooyyeffamu ibsae

Waraana Kaaba Itiyoophiyaa irraan kan ka’e naannoo Tigraay keessaa tajaajilli isaanii kan adda cite waaltaalee eegumsa fayyaa gara hojiitti akka seenan gochuuf deggersi taasisamaa kan jiru ta’uu Ministeerri eegumsa fayyaa Itiyoophiyaa Dr. Liyaa Taaddesee ibsaniiru.

Kanneen VOAf ibsa kennani harmoolii fi ogeessonni eegumsi fayyaa gama isaaniitiin harmooliin waaltaalee eegumsa fayyaatti tajaajila akka argatan gochuuf walii galtee nageenyaa sana booda jijjiiramni jiraatus daran fooyya’uu qaba jedhan.

Jiraattuu magaalaa Maqalee hospitaala Riferaalii Ayider keesssatti ijoollee isaanii lammataa da’uu isaanii kan dubbatan aadde Mersaawit Asaffaa, wal-waraansa bara 2012 dura ennaa mucaa isaanii jalqabaa da’an tajaajilli ture kan baranaa irra akkaan caala jedhan. Harmooliin ennaa da’an siree mana yaalaa irra ciisnuuuf maallaqa baasnu hin qabnu jedhaniiru. Harmolii fi daa’immaniif ilaalchi kennamuun akka jiru illee aadde Mersaawit dubbataniiru.

Baatiin Amajjii "baatii fayyaa harmoolii" jedhamuun kan beekamu yoo ta'u, waggaa waggaan haadholiin tajaajila da'umsa duraa fi da'umsa boodaa fooyya'aa ta’e argachuuf kan sochiin itti taasisamu. Bara kana sagantaan duula kanaa sadarkaa biyyaatti Magaalaa Mekeletti gaggeeffameera.

Hogganaan Biiroo Eegumsa Fayyaa Naannoo Tigraay Dr. Amaanu'eel Haayilee waraana dura lakkoofsi haadholii dhaabbilee fayyaa naannichaa keessatti da'an baay'ee hir'achuu isaa, waliigaltee nagaa booda garuu fooyya'iinsa agarsiisaa jiraachuu eeranii, haa ta'u malee lakkoofsa kana hagas jechuu irra of qusataniiru.

Itiyoophiyaa keessaa harmolii fi kuma 100 keessaa 267 da’umsaan walqabatee kan du’an ta’uu waltajjii magaalaa Maqalee keessatti geggeessame irratti ibsameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG