Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dho’iinsi Magaalaa Kibba Naayijeeriyaa Keessatti Raawwate Lubbuu Galaafatee Hedduu Madeesse


Dho’iinsi Magaalaa Kibba Naayijeeriyaa Keessatti Raawwate Lubbuu Galaafatee Hedduu Madeesse
Dho’iinsi Magaalaa Kibba Naayijeeriyaa Keessatti Raawwate Lubbuu Galaafatee Hedduu Madeesse

Magaalota gurguddoo Naayijeeriyaa keessaa tokko keessatti dhohinsi guddaan gamoolee kudhan ol erga raasee booda namoonni lama du’uu fi namoonni 77 madaa’uu angawoonni biyyattii beeksisaniiru.

Bulchaan kutaa Oyoo Seyii Makindee naannoo Bodijaa kan Ibaadan jiru erga daawwatanii booda gaazexeessitootaaf roobii har’aa ibsa kennaniin, qorannoon duraa akka agarsiisutti dhohinsi Kibxata halkan magaalaa Ibaadan kan namoonni baay’inaan keessa jiraatu keessatti mudate dhuka’aa hojii albuudaa seeraan alaaf fayyadamuuf kuufame irraa kan ka’e jedhan.

Naayijeeriyaa albuudaan badhaate keessatti albuuda seeraan alaa baasuun kan barame yoo ta’u, aangawootaaf yaaddoo nageenyaa guddaa ta’ee jira. Humnoonni nageenyaa hanga Roobii ganamaatti naannoo sana marsaniiru.

Hanga ammaatti namni balaa uumame kanaan wal qabatee to’annaa jala ooluun hin ibsamne.

Jiraattonni kutaa kibba dhiha Oyoo magaalaa Ibaadan kan ummanni hedduun keessa jiraatu, galgala gara naannoo sa’aatii 1:45-tti dho’iinsa guddaa dhaga’uun, namoonni hedduun mana isaanii dhiisanii waan baqataniif rifaatuu uume.

Roobii har’aa ganama humnoonni nageenyaa naannoo sana marsanii kan turan yoo ta’u, tattaaffiin baraarsaa cimee waan jiruuf hojjettoonni yaalaa fi ambulaansonni qophii irra turan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG